Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wal-falmii Kaadhimamtoota Prezidaantummaa Yunaayitid Isteets Uummata Hedduun Daawwatamuun Isa Ol’aanaa Dha, Jedhame


 Kaadhimamtoota filannoo prezidaantummaa lameen: ka paartii Dimookiraatii, Hilarii Kilintonii fi ka paartii Ripuublikaanii, Doonaald Traamp, Fulbaana 26, 2016.
Kaadhimamtoota filannoo prezidaantummaa lameen: ka paartii Dimookiraatii, Hilarii Kilintonii fi ka paartii Ripuublikaanii, Doonaald Traamp, Fulbaana 26, 2016.

Kaadhimamtoonni filannoo prezidaantummaa lameen, ka paartii Dimookiraatii, Hilarii Kilintonii fi ka paartii Ripuublikaanii, Doonaald Traamp, kaleessa, Hampstiid, Niwu Yoork keessatti kallattiin walitti-dhufanii wal-falmii geggeessan ka duraa, uummatni Ameerikaa miliyoona hedduutti lakkaawamuu fi lammiwwan biyyoota Addunyaa illee daawwatanii jiran. Akka baratametti, wal-falmiilee dorgomtoota prezidaantumaa gidduutti geggeessamanii fi televiiziyoona biyyoolessaatiin kallattiin uummataaf dhihaatan sadii keessaa kun ka duraa ta’uu isaa ti.

Wal-falmiin halkan dabre Kilintonii fi Traamp gidduutti geggeessame, seenaa dorgommii Prezidaantummaa Yunaayitid Isteets keessatti, nama hedduun daawwatamuudhaan isa ol’aanaa dha, jedhama. Akka lakkoobsa yaada uummataatti, lakkoobsa deggera dorgomtoota lameenii wal-maddii ture illee wal irraa fageessuu mala, jedhamee yaadama.

Kanneen wal-falmii sana televiiziyoonaan hordofaa turan keessaa tokko, Joorjiyaa Isteet Yunivarsitiitti proofeesara barnoota seenaa ka ta’an, Dr. Mohammed Hasan, akka wal-falmicha kaadhimamtoota lameenii xiinxalan gaafannee jirra.

Gaaffii fi deebii guutuu kana cuqaasaa tii dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG