Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeechaa Dambi Dolloo Ilaalchisuun Yaadi Qaama Mootummaa Federaalaa fi Kan Naannoo Wal Faallesse


Hiriira mormii Oromiyaa (Suuraa Faayilii)
Hiriira mormii Oromiyaa (Suuraa Faayilii)

Qaammee tokko bara 2016 dargaggoonni lama godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambi Dolloo keessatti du’uu isaanii gabaasuun keenya ni yaadatama. Mootummaanis kana irratti kaleessa deebii kennee jira. Tujuben Gara Dambi Dolotti deebitee qophii qindeessite qabdi kuno.

Dubbi himaan waajjira kominikeeshinii Mootummaa Itiyoopiyaa obbo Mohamed Seid, VOA waliin gaaffii fi deebii geggeessaniin dargaggoonni lama jechuun dargaggoo Hailu Efreem fi Ibsaa Rundee magaalaa Dambi Dolloo keessatti ajjeefamuu, keessumaa Hailu Efreem haati isaa aadde Taaddaluu Tamaam reeffa ilma isaanii irra akka taa’an taasisaman gabaasa jedhuuf deebii kennaniin namoonni akkas jedhaman magaalattii keessa hin jiran. Oduu kijibaa ti jedhan.

Kaleessa erga gabaasi sun dhaga’amee as uummati naannoo fi barsiistonni yeroo ammaa leenjii irra jiran mufannaa isaanii kanneen leenjisa kennan bulchitoota magaalattiif dhiyeessuu dubbatan. Mootummaan dhugaa keenya haguuge namoota nuti awwaalle jiraattota miti jechuun isaa nu gaddisiiseera jedhu. Barsiistota leenjii kana irratti gadda itti dhaga’ame ibsanii jiran. Nu sobaa nu blchuu hin danddeessan waan ta’eef aangoo gad dhiisaa. Dhangala’uun dhiiga lammii keessanii akka dhiiga bineensaatti ennaa ilaalamu isin hin dhibuu? Jechuun aarii dhaan dubbachuu isaanii barsiistota mana barnootaa sadarkaa lammataa Qelllem keessaa tokko kan ta’anii fi wal ga’ii sana irratti hirmaatan tokko nuuf ibsaniiru.

Dargaggoo Qaammee tokko ajjeefame ka biroo Ibsaa Rundee ennaa sanatti maatii isaa dhaqqabuu yaallus argachuu hin dandeenye. Erga gabaasi kaleessaa dhaga’amee booda haadha warraa Ibsaa Rundee Aadde Xeenaaye Gammachuu argadhee dubbiseera. Mooraa mana jireenyaa keenya seenanii ani mucaa koo xiqqoo akkan baadhadhetti haati isaa bakka dhaabatanii turanitti nu duratti rasaasa morma isaatti naqanii ajjeesan jedhan.

Gabaasa kaleessa waajjira kominikeeshinii mootummaa biraa kenname kana ilaalchisee dubbi himaa kan ta’an obbo Mohammed Seidiin argachuuf irra deddeebi’uun yaalii goonuus har’aaf itti hin mikloofne. Waajjira kominikeeshinii mgaalaa Dambi Dolloof itti gaafatamaa kan ta’an obbo Zemene Xigaabuu garuu argannee jirra. Dargaggoonni kun lamaan jiraattota magaalaa keessanii ta’uu mootummaan haalee jira Maaliif? jedhee gaaffiin dhiyeesseef kun maaliif akka haalame ani hin beeku garuu dargaggoo Haayiluu Efreemii fi Ibsaa Rundee akkasumas aadde Taaddaluu Tamaam haati Haayiluu jiraattota magaalaa keenyaa ti jechuu dhaan qaamni ol aanaan haalli kun magaalattii keessatti hin uumamne jedhe ofuma isaaf deebii kennuu danda’a. Dargaggoonni lamaan du’uun mirkana jedhan.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Ajjeechaan Dambi Dolloo Ilaalchisuun Yaadi Qaama Mootummaa Federaalaa fi Kan Naannoo Wal Faallesse
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:46 0:00

XS
SM
MD
LG