Xurree ittiin seenan

Breaking News

Aangoo irraa kaafamuun angawoota Dhaabbata Dimokraasummaa Uummata Oromoo kun sochiin Oromiyaa erga jalqabamee isa guddicha


Asteer Maammoo, qindeessituu dhimmootii bulchiinsa gaarii akkasumas ministeera tajaajila sivilii fi qabeenya misooma uummataa
Muktaar Kadir,prezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa
Asteer Maammoo, qindeessituu dhimmootii bulchiinsa gaarii akkasumas ministeera tajaajila sivilii fi qabeenya misooma uummataa Muktaar Kadir,prezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa

Barreessaa waajjira OPDO kan turan obbo Dhaabaa Dabalee taayitaa isaanii irraa ennaa gad butaman guddicha ta’uun tuqamee ture.

Akka kanatti deema taanaan amma kan kaafame waajjirichuma. IHADEG aangoo erga qabatee qabee dhaabi miseensa isaa ta’e dura teessota isaa lamaan yeroo aangoo isaanii walakkaa fi wal faana ennaa aangoo irraa buusee hin beeku.

OPDO kessatti garuu kun dhugaa ta’eera. Dhaabi kun gaazexeessota biyya keessaaf kan erge ibsi gabaabaanis isuma kana mirkaneesse. Dura taa’aan OPDO obbo Muktaar Kadir fi itti aantuun isaanii aadde Asteer Maammoo itti gaafatama irraa kan kaafaman fedha ofiin ta’uu ibsi dhaabi kun erge beeksiseera.

Wal ga’ii haaromsamaa dhiyeenya geggeeffame irratti itti gaafatama koree giddu galeessaf gaaffii dhiyeessuun isaaniis ibsi sun tuqeera. Bakka isaanii obbo Lammaa Magarsaa dura taa’aa, Dr. Warqinaa Gabayyoo immoo itti aanaa ta’uu ibsee jira.

Akkaataa hojii IHADEG kan hanga ammaa beekamutti namoonni itti gaafatama paartichaa irraa kaafaman aangoo Federaalaa fi naannoo irraas kaafamuun waan baratame.

Kanaaf taayitaa dura teessummaa OPDO irraa kan kaafaman obbo Muktaar taayitaa prezidaantummaa mootummaa naannoo Oromiyaa irraas kaafamuu malu.

Itti aanaa dura teessuun OPDO fi kaabinee mootummaa Federaalaa, taayitaa itti aanaa ministeeraatti qindeessituun dhimmootii bulchiinsa gaarii akkasumas ministeera tajaajila sivilii fi qabeenya misooma uummataa kan ta’an aadde Asteer Maammoos itti gaafatama Kanaan itti fufuu dhiisuu malu.

Keessumaa obbo Muktaar Kadir yeroo gabaabaa keessatti aangoo ol aanaa kan ga’aniif bulchitoota IHADEG birattis nama fudhatama qaban akka ta’antu himama.

Kaabinee mootummaa Federaalaa keessatti taayitaa itti aanaa ministeerummaatti qindeessaa damee bulchiinsa gaarii akkasumas ministeera tajaajila sivilii ta’anii hojjetaniiru.

Deebisamanii gara naannootti kan ergaman dura taa’aa OPDO duraanii fi prezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Alamaayyoo Atoomsaa erga du’aan boqotanii booda.

Sochiin mormii Oromiyaa keessaas yeroo prezidaantummaa isaaniitti.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Aangoo irraa kaafamuun angawoota Dhaabbata Dimokraasummaa Uummata Oromoo kun sochiin Oromiyaa erga jalqabamee isa guddicha
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:17 0:00

XS
SM
MD
LG