Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hookkarri Koonsoo Keessaa Hin Dhaabanne, Jedhu Jiraattonni


Hookkarri Koonsoo Keessaa Hin Dhaabanne, Jedhu Jiraattonni
Hookkarri Koonsoo Keessaa Hin Dhaabanne, Jedhu Jiraattonni

Bulchiinsa naannoo Uummatoota, Sabaa fi Sab-lammoota Kibbaa, aanaa Koonsoo kanneen jiran – gandeen lama keessatti haleellaa humnoonni mootummaa geggeessan – jedhameen, namoonni ajjeesamuu fi madeessamuun, akkasumas kanneen shantamaa ol ta’an hidhamuu – kanneen “uummata Koonsoo tu bkka nu buufate” jedhan keessaa tokko, Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.

Ka maallaqnii fi qabeenyaan nu jalaa saamame jedhan illee ni jiran.

Aka Melleskaachew Amahaa, Finfinnee irraa gabaasetti --- Uummata Koonsootiin bakka-buusamuu isaanii ka dubbatan – Obbo Gammmachuu Gansee “mootummaan humna waraanaatiin uummata Konsoo jilbeeffachiisuuf ejjennoo qabu hojiin mul’isaa jira” jechuudhaan--- Har’a ganama, humnoonni ittisaa mootummaa, humni addaa naannoo Kibbaa fi poolisiin federaalaa waliin gandeen lama keessatti tarkaaf fudhatan jedhan akkanatti ibsan:

Har’a barii barraaqa jala, sa’aa kudhan irraa eegalee --- gandeen lama marsanii jiran. Gandeen kun Iduraayitee fi Dokabtee kanneen jedhaman yoo tahu – keessumaa, Iduraayitee keessa meeshaalee guguddaa fi dhukaasa hedduudhaan seenuu isaaniitiin, lubbuun namoota tokkoo dhabamee jira. Namoonni sadii immoo akka hamaatti madaawan. Namoonni shantamaa ol ta’an immoo gandicha keessaa guuramanii reebamaa, tumamaa hidhaman – jedhan – Obbo Gammachuu Gansee.

Kana malees, manneen jiraattotaatti cabsanii seenuudhaan, qabeenyaa isaanii jalaa mancaasuu isaanii dubbatan. Jiraataan ganda Iduraayitee – Obbo Ayyaanoo Koosiyaa Baasaa immoo, “mana koo cabsabii seenuudhaan qarshii kuma shan fi telefoona mobaayilii shan eega fudhatanii booda, qabeenyaa kiyya kaanitti ibidda qabsiisanii guban” jedhu. Saaminsii fi qabeenyaa barbadeessuun manneen namoota kaanii irratti geggeesamuu isaas dubbatanii jiran. Mootummaan naannoo Kibbaa irraa deebii argachuuf carraaqqiin godhe kan hin milkaa’iin ta’uu dubbata – Meleskaachew Amahaa.

Gabaasa sagaleetii kana cuqaasaa

Hookkarri Koonsoo Keessaa Hin Dhaabanne, Jedhu Jiraattonni
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:40 0:00

XS
SM
MD
LG