Xurree ittiin seenan

Breaking News

DhDUOn Hoogganoota Isaa Ol'aanoo Taayitaa Irraa Buusuun Jijjiirama Fidaa?


Dhaabbatni Dimookitaatawa Uummata Oromoo yokan DhDUON walga’ii koree giddu-galeessaa gidduu kana geggeesseen dura-taa’aa dhaabichaa – Obbo Muktaar Kadirii fi itti-aantuu isaanii – aadde Asteer Maammoo taayitaa irraa buusuu isaa beeksisee jira.

Dhaabbatichi kaleessa ibsa baaseen akka beeksisetti, Kibxata – Fulbaana 20, bara 2016 gara galgalaa irraa akka beeksisetti, hoogganoonni ol’aanoon lameen taayitaa gad-lakkisuuf gaaffii fhiheessan, koreen gidduu dhaabichaa simachuudhaan akka taayitaa gad-lakkisan sagalee guutuun murteessuu isaa beeksise. Bakka Obbo Muktaar Kadir, ka duraan afaan-yaa’ii Caffee Oromiyaa turan – Obbo Lammaa Magarsaa buusamuu isaanii, bakka aadde Asteer Maammoo immoo, ka duraan Ministara Geejjibaa Mootummaa Federaalaa turan – Obbo Warqinee Gabayyoo filatamuu isaanii dhaabichi ibsa baaseen beeksisee jira.

Jijjiirraan aangoo DhDUO keessatti tahe kun, hagam dhaabicha keessatti jijjiirama fida. Mormiilee Oromiyaa keessatti baatiilee kudhanii oliif geggeessamaa turaniif hoo hagam furmaata ta’a?

Gaaffiilee kanaa fi ka biroo ilaalchisee, ka duraan qaama hooggana ol’aanaa dhaabichaa fi prezidaantii Oromiyaa turan – Dr. Nagaasoo Gidaadaa haasofsiisnee jirra.

Guutummaa gaaffii fi deebii kana cuqaasaa tii dhaggeeffadhaa

Miseensonni DhDUO Hedduun Akka Dhaabichi Gaaffii Oromoof Deebii Kennu Waan Dhiibbaa Godhan Fakkaata
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:59 0:00

XS
SM
MD
LG