Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walga’ii Addaa Gumiin Mirga Namaa Waame Itiyoophiyaan Mormite


Deetaa Ministiraa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa Obbo Kabbada Deessisaa (suuraa faayilii)
Deetaa Ministiraa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Federaalaa Obbo Kabbada Deessisaa (suuraa faayilii)

Gumiin mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa itiyoophiyaa ilaalchisee wal ga’ii inni waame miseensonni dhaabichaa fudhatama dhabsiisuu dhaan gumiin sun loogii irraa walaba ta’uu isaanii akka mirkaneeffatan Itiyoophiyaan gaafattee jirti.

Dursa gamtaa Awrooppaatiin haalli mirga namaa Itiyoophiyaa keessaa nu yaaddessa jechuu dhaan gumiin mirga namaa kun wal ga’ii addaa inni waame Itiyoophiyaan cimstee kan mormitu ta’uu, minister deetaan tajaajila kominikeeshinii mootummaa Kebede Deessisaa beeksisaniiru.

Ministrichi akka jedhaitti gumiin kun jimaata dhuftu kan waame wal ga’iin addaa kaayyoon isaa ajandaa murtaa’e galmaan ga’uuf kan yaadame. Waajjirri komiishinera mirga namaa kan tokkummaa mootummootaa komiishina mirga namaa Itiyoophiyaa waliin ta’uu dhaan, dhiittaa mirga namaa Tigraay keessatti raawwatame jedhaman qoratanii gabaasa isaanii dhiyeessuu kan yaadachiisan Kebbedee Deessisaa, dhimma kana irratti gumiin kun wal ga’ii addaa ka biroo waamuun isaa dhiibbaan siyaasaa akka irra jiru ibsa jedhan.

Kanaafis fakkeenya kan ta’u, gaafficha kan dhiyeessan biyyoota murtaa’an ta’uu isaanii ti. Kanaaf miseensonni gumichaa kanneen biroon adeemsa hojii loogii qabu kana akka morman gaafataniiru.

Biyyoonni Afriikaas bakka bu’oonni biyyootii ka biroon gumii kanaaf miseensa ta’anii jiran, wal ga’iin addaa Itiyooophiyaa irratti waamame kun kan loogii dhaan kan guutame, waaltaa dhiibbaan siyaasaa kan irra jiru ta’uu isaa waan mirkaneessfu kana mormanii fudhatama dhabsiisuu dhaan loogii irraa walaba ta’uu dhaaba kanaa irra deebi’anii akka mirkaneessn waamicha dabarsina jedhan

Har’a waaree irratti tuuta oduuf ibsa kan kennan Kebedee Deessisaa, wal ga’iin addaa kun waamamuun gaaffii hedduu kaasisa jedhan. biyyoonni wal ga’iin akka waamamu kakaasanii fi walii galan, biyyoota Afriikaa ala ta’uu qofa utuu hin taane irra hedduun isaaii gita bittaa kanneen turaniif kutaalee addunyaa kanneen birootti kan fayyadaman ta’uu tuqaniiru. Waaltaaleen tokkummaa mootummootaa qajeelfama inni ittiin geggeessamu keessaa tokko illee loogii irraa walaba ta’uu dha jedha Obbo Kebbedeen.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG