Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walgahii Farra Dararaa fi Gabaasaa Itiyoophiyaa


Tokkummaa Mootummootaatti, Koomishinara Ol’aanaa Mirga Dhala-namaaf dhaabate jalatti Koreen Farra-Dararaa Dhala-namaa kan haala dararaa biyyoota Addunyaa keessaa xiinxalu walga’ii isaa marsaa 45ffaa Sadaasa tokkoo haga Sadaasa kudha-sagaliitti, magaalaa JENEVAA-tti akka geggeessaa ture.

Dhaabbata Mirga Dhala-namaa sadarkaa Addunyaa “Human Rights House Foundation” jedhamutti, Hoogganaa Waajira Jenevaa ka tahanii fi ka walga’ichatti hirmaatan Mr. Floriyaan Irminger,biyyonni takkaa seera mallatteessan gabaasaa erguu qabu.Itiyoophiyaan garu waggoota kudha-shaniif otoo hin ergiin turtee jedhan.

Angawonni Itiyoophiyaa gabaasaa dhiyessan irratti, rakkoon Itiyoophiyaa keessaa xiqqoo dha,dararaan biyyattii keessaa hin jiru,manneen hidhaa iccitii biyyatti keessa hin jiran jechuun amansisuu yaalan kan jedhan Mr.Irminger,kun akka dhugaa hin ta'iin ni beekna jedha.

Gabaasaa guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG