Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walgahiin Waa’ee Bulchiinsa Intarnetti Irratti Dubbatu Finfinnee Keessatti Jalqabamee jira


FAAYILII - Namoota bilbilaa isaanii irratti interneetii fayyadamaa jiran
FAAYILII - Namoota bilbilaa isaanii irratti interneetii fayyadamaa jiran

Foramiin Bulchiinsa Intarneetii kan waggaa inni 17ffaan Finfinnee keessatti gaggeeffamaa jira. Sirna baniinsa walgahii har’a kana irratti mummicha ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimad biyyi isaanii gatii waliinii fi itti fayyadama interneetii gaarii ta’e irratti qooda fudhachuuf cicha qabdu fi bu’uura ta’e ibsan.

Jijjiirama guddaa hawaasa addunyaa keessatti ta’aa jiru akkasumas kanaan wal qabatee jijjiramnii dinagdee, hawaasummaa fi siyaasaaf walgahii akkasitu nu barbaachiisa jedhan.sababiin isaas akkaataa itti gargaarama intarneetti fi bulchiinsa isaa yaada akka walii qoodnu taasiisaa jedhan.

Gama biraatiin ammoo ambaasaaddarri Yunaayitid Isteets kan waa’ee Saayibarii fi Imaammata Dijitaalaa Naatnaa’eel Fiik gara Finfinneetti imaluun konfiraansii kana irratti hirmaachuu fi gitoota isaanii kan Afrikaa waliin wal arguuf jiru.

Ambaasaaddar Fiik paanaalii sadarkaa olaanaa wal amantaa fi nageenya, akkasumas bulchiinsa odeeffannoo fi iccitii eeguu irratti ni dubbatan.

Mootummaan Itoophiyaa, akka keessummeessaa walgahii Bulchiinsa Intarneetii Dhaabbata Tokkummaaa Mootummootaa ta’eetti, akkasumas, waliigaltee Diinummaa Dhaabuu Adoolessa 2 irratti tumameen, naannolee walitti bu’iinsaan miidhaman keessatti tajaajilli telekoomii – Intarneetii dabalatee – deebiuun akka saffisiisu Yunaaytid Isteees gaafattee jirti gaafatti.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG