Xurree ittiin seenan

Breaking News

Handaara Magaalaa Finfinneett Walitti-bu’insa Ayyaana Cuuphaa Irratti Uumameen Namoonni Lama Du’uun Ibsame 


Kabaja Ayyaana Cuuphaa, Finfinnee

Amantoonni ayyaana Cuuphaa kabajuuf ba’an, Taabota Maaramii Maahidere Melekot Waayibilaa fi Mikaa’elii dabaalanii ennaa deebi’aa jiranitti alaabaan wal-qabatee walitti-bu’insa poolisii wajjiin walitti-bu’insa uumameen namoonni lama du’uu isaanii namoota ayyaanicha irra turan keessaa kanneen ijaan argine, jedhan himanii jiran.

Rakkoon kun, ka Finfinneen wal-daangessu, bulchiinsa Buraayyuu keessatti kan argamu naannoo Aanfoo jedhamutti tahuunis beekamee jira. Namoonni lamaan ajjeesamuu kan mirkaneesse Mootummaan Itiyoophiyaa gadda itti dhaga’ame ibsee, haala naannoo sanatti uumame qulqulleeffatee qaamota gochaa sanaaf itti gaafatamuu tahan seeratti akka dhiheessu beeksisee jira. Gabaasaa guutuu caqasaa.

Handaara Magaalaa Finfinneett Walitti-bu’insa Ayyaana Cuuphaa Irratti Uumameen Namoonni Lama Du’uun Ibsame
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:40 0:00


Yaadawwan Ilaali (13)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG