Bulchiinsa naannoo Tigraay keessatti walitti bu’iinsii hamaan dabalaa adeemuun gara guutuummaa gaanfa Afrikaatti babal’achuu jira sodaan jedhu jiraachuu Komishinarittii olaantuun waa’ee mirga dhala namaa kan Tokkummaa Mootummootaa Misheel Baachalet akeekkachisanii jiru.
Waajjirri mirga namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa fi komiishinni mirga dhala namaa Ikan tiyoophiyaa dhiittaa mirga namoomaa Tigraay keessatti raawwatamee jedhame ilaalchisuun ba’ii qorannaa waloon geggeessan gumii mirga dhala namaa kan tokkummaa mootummootaaf dhiyeessaniiru.
Gabaasa Liisaa Shilaayin Jeeneevaa irraa ergiite caqasaa.