Xurree ittiin seenan

Breaking News

Imaammata Barnootaatu Rakko Qaba jedhu Barsiisonni, Angawoonni Garuu Hanqinni jira Isa Jedhu Hin Fudhannu, jedhu.


Barattoota - Oromiyaa
Barattoota - Oromiyaa

Barnoota sadarkaa duraaf kitaabonni qopha’an, dandeettii barattootaa tilmaama keessa kan hin galchine, akkanumatti akka ba’aa ka baratoota irratti fe'aman ta’uu kan ibsan barsisaan barnoota sadarkaa duraa tokko, "barsisaaf addatti qajeelfamni barsisaa akka kitaabaatti qopha’ee hin jiru, kitaabuma barattootaa irra barsiifna" jedhu.

Kana malees, sirnii barnootaa barsisaan keessatti leenjifamee fi bartoonni har’a keessatti barataa jiran adda adda ta’uu, akka rakko biraatti maqaa dhahan.
Barsisota hojii barsiisummaa itti ramadamaniin otoo hin tanee, hojii barnootaa ala ta’een gamaaggamuun, qulqullina barnootaa irratti dhiibbaa fiduu isaa, kana malees, fedhiin otuu hin taane carraa hojii biraa dhaba irraa qofa barsisummaatti bobba’uun, keessumaa gama Afaan Ingilizii barsisuutiin yaddoo guddaa barsisoota irratti uume, jedhu.

Yunivarsitiwwan keessatti immo barattoonni ennaa haaraa mooraa seenan sirna simannaa qopha’u irratti, "miseensoota dhaaba OPDO yoo taatan, waa’ee carraa hojii argachu fi magaalaalee keessatti ramadamuu hin yaada’inaa" waan jedhamaniif, kunis dhibbaa hanga tokko akka qabu, walumaa-gala garuu imaammata barnootaa amma jiruun, dhaloota naannoo ofii irraa hafee sadarkaa guutuu biyyaa,Afrikaa fi Adunyaatti qooda qabaatu qopheessuun rakkisaa ta’uu dubbatanii, garuu "kana keessatti Afaan ofiin baruun afaanneen ka biroon dadhabuuf akka sababaatti himamuu hin danda’u" jechuun hubachiisan.

Biroon barnootaa kan Oromiyaa garuu, "karoorri lafa ka’amee harki caalaan milka’ee jira. Hanqinni hangi tokko mul’achu mala garuu, gutummaatti rakkotu jira isa jedhu hin fudhannu" jedha.

Gutummaa gaaffii fi deebii gaggeeffamanii MP3 kutaa kutaan tuquun dhaggeefadhaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG