Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraana Itoophiyaa kan Biraa: Lola Oromiyaa Keessaa


Wal-dhabdee Tigraay keessaaf dhaabuuf wal-morkattoonni dhukaasa dhaabuuf walii galan iyyu, Oromiyaa naannoo fincila yeroo dheeraaf itti fufee ture keessatti, haleellaa qilleensaa fi ajjeechaan raawwatamuun gabaasni mullataa jira jechuun Ajaans Fraans prees gabaasee jira.

Ummata Itoyophiyaa miliyoona 100 fi miliyoona 10 ta’u keessaa naannoo harka sadii kan keessa jiraattu Oromiyaa keessatti Dhimmoonni ijoo hookkara uuman, Oromoon saba Itoophiyaa keessaa guddicha ta'e ituu jiruu, yeroo dheeraaf moggaatti qoodamuu,Waraanni Bilisummaa Oromoo mufannaa guddachaa dhufe kana fayyadamuun lola waggoota dheeraaf humnoota federaalaa fi naannoo waliin taasisaa ture keessatti sadarkaa isaa hammeessee jira.

Garuu jedha AFPn saba-afaan 80 ol ta’an kan qabdu Itoophiyaan, aangoo naannoo fi siyaasaa morkataa ta’an bulchuuf rakkattee jirti jedhe, Oromiyaan bulchiinsa naannolee biyyattii 10 keessaa sagal waliin ollaa waan taateef jecha, daangaawwan waliin qaban hedduun walitti bu'iinsaaf saaxiluu jedhe.

Waldhabdeen Oromiyaa keessaa kan sabaa fi saba biro gidduutti uumamu, akkasumas qabsoo Oromiyaa keessaa deeggartoota mootummaa(Muummicha Ministeeraa) Abiy Ahmed fi diinota isaa gidduutti taasifamuudha, jedhu Ben Hunter, xiinxalaan waa’ee tika Afrikaa kan dhaabata Verisk Maple croft jedhamu.

"Sararoonni wal qoqqoodduu walxaxaa ta'an kun, odeeffannoo dogoggoraa bal'inaan jiru babal'ate, waldhabdee Oromiyaa keessaa addatti akka hin mul'anne taasiseera jedhu.."

Hojii dhabiinsaa fi walqixxummaan dhabamuun immo dhimmootii walitti bu’iinsa fidan ka biro keessaa ta’u hayyuun Antropolojii kan ta’an Toomaas Osmond dubbataniiru.

Gareen mirga namoomaa Human Rights Watch akka jedhutti, ajjeechaa fi hidhaa seeraan alaa humnoonni mootummaa akka fedhanti gaggeessan akkasumas hooggantoota naannoo fi qondaaltota mootummaa gareewwan hidhataniin butamuu fi ajjeechaan raawwataman galmeesseen jira jedha.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG