Xurree ittiin seenan

Breaking News

Binlaadiin ollaa waraana Paakistaan keessatti argame.


Amerikaa ganna kudhanii asittuu Osaamaa Bin laadiniin jecha qotatee boollaa hin seentu urtee garaa waaqa hin seentu garuma ati jirtutti faanuma te jirra jette fakkaatu kaaniin ganna 10 dabarnii akkanuma nama kana barbaadaa baate.



Nama isa qabee fidee ykn gara innii jiru argee iyyaheef horii miliyoona hedduu kenninaa jettee addunyaalleetti labsatte.

Waraanii Amerikaa akkamitti Osaamaa Binlaadin gaadee qabate?Qabiitii Osaamaa Binlaadin prezdaantiin Amerikaa Barack Obaamaatti eda galagal labse.Osaamaa Binlaadin ya ijjeefamee waraanii Amerikaa reeffa isaallee harkaan gahate.

Akka bulchoota Amerikaa keessaa tokko jedhetti, duulii Osaamaa ijjeessuuf xuyyuura diqqaa tokkoon bahe mala jabaa du’aa fi jireenna jidduu dabree lafa Osaamaan itti dahate teessoo mootummaa Paakistaan Islaamaabaad gara ollaa Abbottabaditti dabre.

Yoo achiin bahan manii Osaamaan itti dahate waan ganna 4-5n duratti jaaran fakkaata. Dallaa guddoo ka gubbaallee sigiingii ykn shiboo electrikii qabduun marsan fooddaa ykn diqqoo alaan argan,balbala waayyin ufi irraa eegan lama qaba.Duulii kun manii Osaaamaa kun interneetii fi bilbilallee qabaachuu dhabuu isaa arge.

Itti gaafatamaan mootummaa Amerikaa ka waan kana dubbate tana malee yoo duulii Amerika kun dhufe Osaamaan qabaallee dhowwatee waraana kanaan du’e.

Akkuma taateefuu waraanii Amerikaa dameen Navy Seal bulchoota naannoo Paaksitaan ufilleetti hin dabalatin lolee Osaamaa ijjeesee haga daqiiqaa 40 achi turee waan guru guuree achii yaahe.

Waraan kana keessatti namii dhiiraa Osaamaa malee nama sadiitti dhumate tana keessaa lama nama Osaamaa oduu guru sadeessoo ammoo ilmaa Osaamaa angafa keessaa tokko jedhan.

Mee waan tana irratti qopheessine MP3 tana irraa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG