Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanii Itiyoophiyaa Boorana,aanaa Mi’ootti Misirroo Fixe Qabameera


Oromia map
Oromia map

Waraana Itoophiyaa Boorana aanaa Mi'oo magaala Iddii-Lolaatti Warra Dubra Fuudhee Galu Fixe Yaqaban
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:13 0:00

Miseensonni Raayyaa ittisa Biyyaa Kibxata, Gurrandhalaa,12,2019 godina Boorana Aanaa Mi’oo magaalaa Iddii-Lolaatti warra cidhaarrattii dhukaasanii misirroota ajjeesan to’annaa jala oolan.

Obbo Soraa Galgaloo hoogganaan waajjira ODP, Sagalee Ameerikaaf, loltoonni mootummaa kuni kaampii Mi’oo jiru keessatti to’annoo jala jiraachuu mirkaneeffanneerraa jechuun Sagalee Ameerikaaf himanii jiran.

Waraanii kun Kibxata galgala misirroowwan lameen Kottoola Jaldeessaa fi Cuquliisa namoota shan waliin ajjeesan.

Gidduu kana bulchiinsi Aanaa Mi’oo dhimma kana hordofaa ka ture yoo tahu, miseensonni Raayya Ittisa Biyyaa warra cidhaa kanarratti dhukaasan kun himannaa ‘dhukaasatu nurratti baname’ jedhu dhiyeeffatanus koreen bulchinsa aanaa Mi’oon hundaa’ee dhimma kana qorataa ture dhukaasi dhukaye akka hin jirre mirkaneessee jedha.

Akka Obbo Soraan jedhanitti koreen dhimma kana qorataa jiru loltoonni kun mana murtee kamitti akka dhiyaatan murteessuuf Sanbata dhufu murtee kennaa jedhan. Garuu irra caalaan miseensota koree keessa jiranii yoo yaada isaanii dhiyeeffatan warri kun akka mana murtii aanichaatti dhiyaatu fedhuu jechuun dabalanii himanii jiran.

Ammaaf maatiin warri ijoolleen irraa ajjeefamtee beenyaa ha argataniif itti jirras jedhu. Ajjeechaan booda jiraattonni Iddii Lolaa fi naannawa ishee miseensota raayyaa ittisa biyyaa naannoo keessa socho’anirratti muffii waan horataniif; bulchiinsi naannoo humna waraanaa fi jiraattota naannoo walitti fiduun rakkoo itti ta’ee akka jirus Obbo Soraan dubbatanii jiru.

Yoo hordoffiin kun itti fufee warri nama ajjeese kun murtiif dhiyaate yaaddoo hawaasa naannoof deebii gaariidha jechuun hoogganaan waajjira ODP Aanaa Mi’oo Soraa Galgaloo VOA’f himaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG