Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanii Itoophiyaa seera kabachiisuuf bahe moo’aachaa durumatti deemuutti jira:Jeneraal Birhaanuu Juulaa


Jeneraal Birhaanuu Juulaa (File Photo)
Jeneraal Birhaanuu Juulaa (File Photo)

Akka itti gaafatamaan guddaan hajaja waraana Itoophiyaa jeneraal Brhaanu Juulaa kalee gaazexeesstotatti himetti waraanii Itoophiyaa naannoo Tgiraay jirtu lafa bilisa baasaa deemuutti jria.

Akka jecha jeraala Birhaanuu Juulaatti waraanii Itoophiyaa Tigraay gama Dhiyaa,Daanshaa Baakorii haga Hadigoos,Hadi Hageray had Guzmaan cabsee seenee Shirraaroo tohate.

Tigraay gama Kibbaattii ammoo Waajaa jalqabee haga Korem fadhatee durumatti deemuutti jira jedha.Tigraay gama Bahaa, Cercer Mehoonii,Raayyaa,Qobboo harkatti deebifatee dahoo cabsee seena jedha jeneraal Birhaanuu.

Gama kaaniin ammo akka bulchiinsii labsii muddamaa Itoophiyaa jedhetti gareen IWHAT misooma hedduu balleessastti jiran.Karaa Maqaleen dhaqan irraa riqaa gugurdaa afur cabsanii Shiree fi Aksum ammo asfaaltii qotanii boolla tolchan jedhan.

Gama kaanin tarkaanfii mootummaan garee IWAHT Irratti fudhate jedhaniin ibsee fi bisaanii, bilbili torbaan tokkoof Allaamxaa badan nama amma yaayyuu deebi’an jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG