Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanii Liyuu Hayil godina Gujii Bahaa aanaa Gumii-Eeldalloo,olloota Malkaa-Hoolaa lolee nama lama fixee shan mammadeesse


Oromia map
Oromia map

Waraanii naannoo Somaalee,Liyuu Hayil godina Guji Bahaa aanaa Gumii Eeldalloo keesastti nama lama fixee shan madeesse
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:11 0:00

Aanalee godina Gujii Bahaa akka warrii lafaa jedhutti lafti sodaa waraanii Liyuu Hayil fulaa hedduutti loluu dandaha.

Obboo Waariyoo Goollcihaa bulchaa aanaa Liibaniiti. Akka innii gabaasa nuu ergan jedhee irraa VOA-tti himetti madooleen shan,madaan nama sadii hamaamtuu.

“Madooleen hospitaala Nageellee Booranaatti akimachuutti jirti.”Laftilleen neetwoorkii dansaa hin qabduu oduun akka dansaa keessa hin deebine jedha.

“Guyyaa hardhaa kana aanaa Gumii-Eeldalloo, ganda Malkaa-Hoolaatti Liyuu Hayiliin Soomalee ummata horsiisee bulaa hadhuutti jira gabaasa akkasitti amma nu dhaqqabe.

Jarii kun ammallee waraana konkolaataan walti guuruutti jira.Naannoo Somaalee Itoophiyaatti walguuruutti jirti.”

Fulaan waraanii Liyuu Hayil irratti nama hadhe jedhan akka jecha aabba Waariyootti Malkaa-Holaati.“Malkaan-Hoolaa lafa Oromooti,Booranaatti gubba qubata.”Waraanii kun akka aabba Waariyootti ganna lamattuu deemuutti jira.

Lafti irratti nama hadhuutti jiran jedhan, Malkaa-Hoolaa lafa jiituu afaan galaana Daawwaa jirtuu, la horii,ta biyyiti laga Daawwaa irraa bisaan qobattee midhaaniin oobrattu.

Fulaa qara warri itti nama lole jedhan malee fulaa akka Haya-Aananii,Dhungoo fi Migaal faalleetit namii bahee Liyuu Hayil ufi irraa eeguutti jira.

Mootummaalleen amma naannoo Dhungootti waraana buuse nagaa buusuuf faluutti jiraa jedha bulchaan aanaa Liiban kun.

Tana maleellee godina Booranaa aanaa akka Areroo,Mooyylee fi ka Gujii Bahaa aanaa Gumi-Eeldalloo keessallee woma akkanaa itti himan.

Godina Baalee aanaa Madda-Walaabuu keessalleetti akka warrii lafaa jedhutti waraanii Liyuu Hayil nama hadhumatti jira.

Akka jecha aabba Waariyootti aanaa Gumii-Eeldalloo, Malkaan-Hoolaa waraanii Liyuu hayil keesatti nama hadhuutti jiru warani kun "lafa Oromiyaa saamuuf qophaahe.Lola lafa saamichaaf dhufe."

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG