Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanii ‘Liyuu Poolis’ naannoo Somaaletii dhufee ollootaa fi ardaa Nageellee Booranaatti dhiyaatu hadhee nama hedduu fixe


Oromia map
Oromia map
Waranii Liyuu Poolis ollootaa fi aanaa Nageellee Booranaatti dhiyaatan lolee nama hedduu fixe jedhan
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:22 0:00

Akka warrii nu dubbifne jedhutti waraanii Liyuu Poolis mi’a waraanaa gugurdaa, makiinaa waraanaatii fi qawwee gugurdoon naannoo Somaaleetii dhufe ollootaa fi aanaa magaalaa Nageellee Booranaatti dhiyaatu hadhee nama 18 fixe malee 36 madeesse. Madoolee fi ka dhumattelleen kana caaluu dandahaa jedha.

Gandii hadhan kun akka jecha warra lola sun nutti himetti aanaa Liibanii fi Gumii-El Dallooti.Hagii tokko godina Booranaa fi Godinii Gujiitti irratti wal daangessu.

Jarii lolee kun ammallee waraanaa hedduu daangaa Somaalee keessaa fidachuutti jiran jedhan.

Waraanii kun akka jecha warra dubbii tana nutti himeetti,Liyuu Poolisi, milishaa gandaa,hidhataa naannootii fa wayaa waraanaa naannoo Somaalee qaballee.

“Qawween namaa hadhan jedhan bkm,matiriyeessi 50 kalibber fa.Gandaa fi ollootii keessatti nama hadhan jedhan Funnana Agarsuu, Qoraattii, Ejaaruu, Galaana Odaa Diimaa, Malkaa Galaanaa Buruurii fi Jirma Qoonee. Hadhessaa fi Qoraattii.Kun cuftii ollaa fi ardaa Booranaati” jedha.

Waraanii nama hadhe jedhan kun fedhii isaanii lafa Oromiyaa kutachuu ka jedhan jiraattotii waraanilleen "Jijjiraa,Dooloo fi Godee dhufe," jedhan.

Wannii mirkanaa akka jecha isaaniitti "waraqata ragaa jara irraa argan,waan jarii waraana Itoophiyaatti himee fi nama beekuutti akka isaan naannoo Somaaleetii dhufan mirkanse."

Nama dhumate malee qabeennii mootummaatii fi ka dhuunfaallee waraana kanaan akka barbadaahee fi namii kuma 10-15 baqachiisee jedha.

Obboo Adoolaa Miheessaa itti gaafatamaa biiroo dhimma nagaa Godina Gujii Bahaati.Akka jecha isaatti rakkoon jiraachuun mirkana,fedhii daangaa baballifachuutti jira.Rakkoo jiru karaa seeraa fi nagaatiin faluuf itti jiraa jedha.

Rakkoo tana mootummaalleetti akka himan,mootummaan nananoo Oromiyaalleen dhimmii daangaa akkuma seeraan bahetti akka kabajamu dubbachuu isaatii fi akka rakkoon tun hin baballannee hujiiti jirraa jedha obboo Adoola.

XS
SM
MD
LG