Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Liyuu Hayil’ Harargee Dhiyaa,Obeensaatti nama jaha fixe, Horroo Guduruu Wallaggaa, Aleebootti ummatii hiriira mormii bahee rakkoo himate


Oromiyaa, Itoophiyaa
Oromiyaa, Itoophiyaa

Waraanii Liyuu Hayil Harargee Dhiyaa ardaa Obseensaatti nama 6 fixe
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:34 0:00

Laftii hardha waraanii Liyuu Hayil itti nama anaa Gumii-Bordoddee,naannoo Laakorboo,ardaa Obseensaati.

“Liyuu Hayiliitti ganama subii dhufee qonnaan bulaa ganduma keessatti hadhe.Ummatatti ufi ufi irraa deebise.Dhiitee jennaan gargara bulan,” jedha namii achii dubbifne.

Qawween namaan hadhan jedhan tun mi’a waraanaa gugurdaa ka akka laawoncher,baazuqaa fi waan akka akkaati.

Nama dhuamte malee nama hedduutti madaahee hopsitaala Asebootti geessuutti jiran.

Obobo Muusaa Illee,bulchaa aanaa Gumii Bordoddeeti.Liyuu Hayiliin Somaalee araduma keenna irratti baanderaa dhaabanii ummata nagaa irratti bobba’anii yeroo dheeraaf mootummaatti himachaa baane jedha.“Nama ajjeesan.”

Lola kanaan duratti akka obboo Muusaan jedhutti waraanii lIyuu Hayl 250 wayaa waraanaa yaafatee achi dhufee kanallee qaata mootummaatti himannee jedha.

Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardee Jaardagaa magaalaa Aleeboo keessatti ummatii hiriira bahee rakkoo himate.

Rakkoolee himatan keessaa akka jiraattotii jedhanitti Oromiyaa keessatti nama ijjeesuun akka dhaabattu,warrii Haragee Calanqootti nama fixe akka seeraa dhiyaatuu fi waan hedduu.

Hiriira nagumaan dhumate kana irratti akka jiraattootii jedhanitti sagantaa “Lammiin Lammiif” jedhuu qarshii kuma 27 caaltu walti guuran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG