Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wiirtuleen Filannoo Namoonni Waan Heddummaataniif Utuu Hin Cufamin Ture


Namoota sagalee kennuuf hiriiran, Finfinnee, Waxabajjii 21, 2021
Namoota sagalee kennuuf hiriiran, Finfinnee, Waxabajjii 21, 2021

Filannoo miseensota paarlaamaaf sagalee kennuuf kaleessa namoonni eegaa turan yeroo itti wiirtuleen filannoo cufaman sa’aatii yaadameen booda sa’a afur turee jira. Odu gabaastuun VOA Hezer Mardook Finfinnee irraa akka gabaastetti naannolee Itiyoopiyaa hanga tokko keessatti sagalee kennuun boodatti harkifate, ykn qaruma sagalee hin kennine.

Sa’aatilee 12f sagaleen erga kennamee booda, ennaa wiirtuuleen filannoo cufamanitti namoonni hedduun toora galanii turan, filannoonis nagaa dhaan geggeessame jechuun hojjettoonni filannoo beeksisaniiru.

Uummati hedduun eegaa waan turniif sagalee kennuun illee sa’aatilee dhaaf dheeratee jira. Qindeessitoonni filannoo akka jedhanitti rakkooleen loojistikaa kan akka hojjettoota wiirtuu filannoo argamuu dhabuu fi kaardiin sagalee ittiin kennan dhabamuu fi haalli qilleensaa rakkoo uumee jira.

Waajjir EZEMA irraa hoogganoonni paartichaa akka jedhanitti sagalee waliin dha’uu 200, kaardiin filannoo dhabamu qabee hanga taajjabdoonni wiirtuulee filannoo turan doorsiamanitti dhageenyeerra jedhan. Haa ta’u malee walumaa gala filannoon sun seena qabeessaa fi gara mootummaa dimokraatawaa hundeessuutti kan geessu ta’uu obbo Yeshiwaas Asaffaa dubbataniiru.

Haa ta’u malee naannoo Tigraay bakka humnoonni mootummaa federaalaa baatilee torba oliif lola keessatti geggeessan keessatti filannoon hin geggeessamu.

Naannolee ka biro hedduunis sababaa yaaddoo nageenyaa hanga tokkos sababaa kaardiin filannoo dhabamaniif filannoon hanga baatii Fulbaana dhuftuutti hin geggeessamu. Taajjabdoonni gamtaa Awrooppaa kanneen meeshaaleen isaan gargaaraman biyyattii akka hin seenne dhorkamee booda taajjabdummaa irra.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG