Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yaaddoofi Abdii Jiraattota Naannawa Haroo Wancii


Jiraattonni naannawaa Haroo Wancii tokko tokko Wancii Karoora “Gabataa Lehaager” jedhamuun misoomsamuuf haroowwan biyyattii ka biroo lama waliin karoora keessa galuun kan isaan gammachiise tahuu Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti dubbatan – jiraattonni kun.

Gama biraatiin immoo yeroo mootummoota Itiyoophiyaa darbanii keessa ‘Haroo Wancii ni misoomsina,’ jedhamee osoo hin hojjetamiin waa hafaa tureef ammallee akka shakkii qaban kanneen ibsan jiraattonni naannichaa “Lafa keenya irraa akka nu hin buqqisnellee sodaa qabna.” jedhan.

Misoomni Haroo Wancii yoo dhuguma eegalame garuu namni barate hojii argachuu fi hawaasni naannoo fayyadamuu danda’a, jechuun abdii isaanii ibsan. Daawwattootni tokko tokkos, “Haroon Wancii misoomee arguu baay’ee barbaadna” jedhu.

Yaaddoofi Abdii Jiraattota Naannawa Haroo Wancii
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:46 0:00


Yaadawwan Ilaali (2)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG