Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yunaayitid Isteetis Biyyoota Ja’a Keessatti Fixiinsa Sanyiitu Raawwatame Jette


Faayilii - Ministrii Dhimma AlaaYunaayitid Isteetis Antonii Bilinken
Faayilii - Ministrii Dhimma AlaaYunaayitid Isteetis Antonii Bilinken

Yunaayitid Isteetis biyyoota ja’a, Mayanamaar, Chaayinaa, Itiyoopiyaa, Iraaq, Siiriyaa fi Sudaan kibbaa keessatti fixiinsi sanyii fi gochi gara jabinaa raawwatamuu isaa beeksisuu dhaan akka qaama gabaasa ba’eetti mootummaan Yunaayitid Isteetis gocha kana dhaabsisuuf tarkaanfii diplomaasummaaf maallaqaa akkasumas ka birotti kan gargaaramtu ta’uun ibsamee jira.

Ministriin dhimmi alaa Antonii Bilinken kaleessa fixiinsa sanyii fi gocha gara jabinaa ittisuu irratti gabaasa waggaa baasanii jiran.

Blinken akka jedhanitti waggaa kana gabaasichi yeroo jalqabaa fi Bermaa, Itiyoopiyaa, Chaayinaa fi Siiriyaa dabalatee biyyoota hanga tokko keessatti gocha dararaa raawwataman kallattiin tarreessee jira.

Biyyoonni kun ajandaa keenya irratti rakkoolee imaammata alaa cimoo bakka bu’u jedhan. Diplomaasummaa, gargaarsa alaa, qorannaalee ba’ii dhugaa irratti hundaa’an, meeshaalee maallaqaa fi hirmaannaa jiran mara ni gargaaramna jedhanii, Kunis hubannoo kan guddisuu fi dhiibbaa qindaa’e kan sadarkaa addunyaa uumuuf nu gargaara jedhan Blinken.

XS
SM
MD
LG