Erga diplomaatonni ol aanoon fi haanga’oonni ittisaa biyyaa Yunaayitid Isteets yukireeniin deemanii gargaasaa waraanaa dabalataa gochuudhaaf waadaa seenanii boodaa, akkaataa yukireeniin caalaatti hidhachiisuun danda’amuu irratti biyyootan hedduun waliin maryachuudhaaf guyyyaa har’aa Jarman keessatti, walgahii taasisanii jiru.
Ministirrii ittisaa U.S Lilooyid Oo’ustin fi Ministiriri dhimmaa alaa Antoonii Bilinken erga prezidaantii yukrieen Volodiymiir Zeleniskii waliin marii taasisanii booda , biyyoottan lixaa deggersaa yukireen irratti gurmeesuudhaaf biyya Jarman Buufataa xiyyaaraa Raamistiin keessaatti walgahiin har’aa kan qopha’e.
Yemuu yukireeniin daawatan Ministirrii itisaa U.S prezidaantii yukireen fuulaatii haasaa taasisaniin…
"Dhiheenya kana akka isin jettanitti, waneen biraa nu gonee iraatti dabalamee gargaarsa nageenyaa doolaaraa Biiliyooni tokko baasuu taasifneerra. Marii keenyaa irratti hunda’udhaan Yemuun asii deemuu ministiroota ittisaa fi ajajoota ittisaa walin akkaataa gargaarsa dabalataa irratti akka marii taasifnuuf deemnu quba qabdu ta’a.
Isin beekuu qabdu, ummanii yukireen beekuu qaba, akka isin irraa aantan waan danada’amee hundayyuu gochuu itti fufna," jedhaniiru.
Yaadaa Liiloyid Oo’ustin irratti dabaluudhaan kan dubbatan Antoonii Biliinken, walgahiin isaan prezidaantii Yukireenii fi haanga’ootaa biroo waliin taasisan gargaarsa Yunaayiitid Isteets amma ammaatti taasiftee ibsuudhaa fi fuula duratti waan yuukreen barbaadduu baruudhaaf akka ta’e himaniiru.
Walgahii kana irraatti kan hirmaatan durataa’aan ajajootaa waraana Yunaayitid Isteets Jeeneraal Maark Miilar gama isaaniitiin, yukireen akkaa waraaniicha moo’uu dandeessu deggersii kamiyuu taasifamuufii qaba jechuudhaan Oduu gabasitotatti himuun isaanii gabasameeraa.
Walgahii kanna irraatti barreesaa ol anaan NATO Jeens Stooltenberg fi ministirri Ittisaa Yukireen Oleksii Rezniikoov akka hirmaatan himameera.