To’annaa ABUT jala turanii amma bilisa ba’uun isaanii kan ibsamee godiina Walloo Kaabaa keessatti miidhaan namoomaa fi meeshaalee irra ga’an jedhaman bal’inaan ibsamaa jiru.
Kanneen keessaa tokko kan ta’e Yunivarsitiin Waldiyaa irra saaminsaa fi gochii barbadeessuu kan sadarkaa olaanaa irra ga’u prezidaantii Yunivarsitichaa kan ta’an Dr. Abbabaa Girmaa ibsanii jiru.
Yeroo ammaas Yunivarsitiin Waldiyaa deemsa barachuu fi barsisuu jalqabuuf sadarkaa hin dandeesifne irra akka ga’u ta’e saamamuu fi akka barbadaa’uu ta’un prezidaantichii RSA ibsan.
Waluumaagala badiin dhaqqabee fi saamiinsii gaggeeffame qarshii Biliyoona 6 kan caaluu ta’u fi gamoowwan jiran irratti miidhaan ga’e hamaa ta’u Dr Abbabaan dubbatanii jiru.
Al tokkotti barattoota kuma 12 caalaa kan simatuu Yunivarsitiin Waldiyaa, dabalatee kiloo meetra 30 fagaatee kan argamu giddu gallii qorannoo qonnaa Sirinqaa, akkasumas dhaabattoota dhunfaa irratti saaminsaa fi badii dhaqqabuun gabaafamee jira.