AMBOO —
Yunivarsiitiin Wallaggaa, Akkaadaamiin Afaan Oromoo maqaa Doktor Haayilee Fidaan moggaafamee hojiitti akka seenuu murteessee beeksisee jira.
Giddu-galli Qorannoo Afaan Oromoo Baaroo Tumsaa Yunivarsiticha keessatti akka hundeessamu murtaa’uu isaas dhiheenya beeksise Yunivarsitichi.
Dhimma kana irratti Naakoor Malkaa, Afaan Oromoon, Piroofeesara Gargaaraa ka tahan Yunivarsitii Wallaggaatti Barsiisaa, Bareessaa fi Qorataa Afaan Oromoo Fedhasaa Taaddasaa dubbise.