Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yuuniversitiin Booranaa Eebbifamuu fi Haala Bu’ura Misoomaa Godinichaa


Godinni Booranaa Magaalaa Yaa’a Balloo’tti ka ijaarame Yuuniversitiin Booranaa dhiyeenyatti barattoota haaraa simatee barsiisuuf jira.
Godinni Booranaa Magaalaa Yaa’a Balloo’tti ka ijaarame Yuuniversitiin Booranaa dhiyeenyatti barattoota haaraa simatee barsiisuuf jira.

Dhuma torbee darbee ka eebbifame Yuuniversitiin kun Godina kanaaf karaa diinagdee fi kaaniin u’aa buusaa jedhu jiraattonni dubbatan. Kun yaa ta’uutii ammas Godinni kun hanqina bu’uraalee misoomaa keessumaa ka bishaan dhugaatii akka qabu himanii mootummaan sanas akka furu gaafataniiru. Bulchiinsi Godina Booranaa Deebii kenneen Bishaan Dhugaatii Booranaaf qarshiin gahaan ramadamee dhiyeenya lafaa hojiin jalqabamuu ifoomse.

Yuuniversitiin Booranaa Eebbifamuu fi Haala Bu’ura Misoomaa Godinichaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:17 0:00

Obbo Huqqaa Garsee odaa jiraataa Godin Booranaa magaalaa Yaa’a Ballooti. Hojii Barnootaarratti bobba’anii jiraachuu ka himan Obbo Huqqaan Yuuniversitiin Booranaa, ‘Godina bu’uraalee misoomaan duubatte hafe’ ka jedhan Godina Booranaa keessatti ijaaramuun waan dansaa, sababnisaas dhaabbati kunini hawaasa naannoo kanatti dhiyaatee waan hedduu ifatti baasaa jedhan.

Yoo ibsanis, seenaan, duudhaan, aadaa fi finni naannoo Booranaa jiru tasumaa haalaan hin qoratamne jedhu. Kanaaf Yuuniversitiin Booranaa wanna kana gadi fageenyaan qoratuun seenaa sabaa dhokate gadi baasa san irraa eega jedu.

Gama biraan ummanni Godina Booranaa darbeellee biyya ollaa Keeniyaa keessa waan qubatuuf walitti dhufeenya biyyafillee akkasuma gaarii ta’uu eeran.

Jiraataan Magaalaa Yaa’a Balloo obbo Huqqaan, ammas Godinni Booranaa hanqina bu’ura misoomaa kaan qabaa jechaan ibsan.

Akka fakkeenyaattis Boorana keessa rakkoon Bishaan dhugaatii yeroo dheeraaf jiraachuu eeran. Keessumaa ganna kudhan dura Network bishaan dhugaatii Booranaa jechaan ka jalqabame pirojektii guddaan xumura malee hafee ummata naannoos rakkoorra buuse jedhu.

Dookter Bokkuu Xachee, President Yuuniversitii Booranaati. Yaadi Yuuniversitii kana hundeessuu bara bulchiinsa Haylemaariyaam Dessaalenya jalqabee jedhan. Sana duubas bara 2018, ijaarsisaa marroo duraa qarshii miiliyoona 2oo fi miiliyoona 80’n ka xumurame yoo tahu kanaanis kutaan ciisicha barattootaa, ka bulchiinsaa fi kaan xumuramuu eeran. Dabalaniis barana booda ganna tokko keessatti hojiin marsaa lammataa ka dallaa yuuniversitii, daandii keessaa fi kaan haammatu qarshii miiliyoona dhibba sadii fi miiliyoona 80 oliin hojjetamaa jira jedhan.

Dookter Bokkuun Yuuniversitiin Booranaa dursa kana gosa barnootaa shan akka kennu eeranii, caalaa garuu qorannoowwan jiruu hawaasa horsiisee bulaarratti akka xiyyeeffatu dubbatan.

Keessumaa qabeenya beeyladaa Godinichaa misoomsuu fi Sirna Gadaa rrattis qorannoo gadi fageenyaa taasisuuf karoora qaba jedhan

Dookter Bokkuun Yuuniversitiin tun, barattoota horsiise bulaa biyyoota ollaa jiraniifis carraa banuuf karoora akka qabu dubbatu.

Kana malees maqaa Kumaalaa Jaatanii Alii’n carraa barnootaa qopheessuu akka jedhus akeekaniiru.

Bulchiinsi Godina Booranaas mootummaan Bu’ura misoomaa godinichaa fooyyessaa akka jiru dubbate. Bulchaan Godinichaa Obbo Guyyoo Galgaloo, bara darbeee fi barana qofa Boorana keessatti bu’uraaleen misoomaa ijaaraman 200 ol eebbifamuu eran.

Ammas barnoota baballisuuf manneen barnootaa hedduun boorana keessatti ijaaramaa akka jiran dubbatan. Komii bishaan dhugaatii jiraataan godinichaa himaniifis yoo deebii kennan; Neetworkiin Bishaan Booranaa rakkoo akka qabu himanii, amma garuu mootummaan qarshii biiliyoona takka lafaa ramadee yeroo gabaabaa keessatti akka dhumuuf itti jira jedhan. Obbo Guyyoon pirojektiin kun yoom akka xumuramu garuu wanni ibsan hin jiru.

Eebba yuuniversitii Booranaa torbee darbeerratti Muummee Ministriyaa Itiyoophiyaa duraanii Hayle Maariyaam Dessaaleny, prezdentii naannoo Oromiyaa Obbo Shiimellis Abdiisaa, Bulchaan Keeniyaa kutaa bulchiinsa Maarsabiit Mohaammed alii fi angawootni kaan irratti argamuu saba himaaleen biyya keessaa gabaasanii turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG