Xurree ittiin seenan

Breaking News

Zaambiyaan Filannoo taasisuuf deemtti


Biyyi Afrikaa sirna dimikiraasi dabbataa ta’e qabdii jedhamtu Zambiyaan torbana kana keessaa filannoo taasisuuf deemt.

Filannoo Prezidaantiin biyyatti Edigaar Luunga yeroo lammaffaadhaaf filamuudhaaf dorgommii taasisan kanatii, dorgomiin jabaan waan jiraachuu maluuf biyyatii hookkora keessa galchuu danda’a jechuudhaan xiinxaltoonii himaniiruu.

Mormitoonni Prezidaant Lunga , jalrmiyaaleen midiyaa tokko tokko cufamuu isaanii, miseensonii paartii mormitootaa hidhamuu isaanii waan ibsaa jiraniif biyyatii gara sarbiinsaa mirga namoomattii geessuu akka danda’u dhaabanii mirgaa namoomaaf falmu Human Rights Watch ji’a waxabajii keessaa ibsa baasee keesatii himee ture..

Hookkorii torban darbee deggertootaa paartilee gurguddaa waliin falman gidduutti ka’e Prezidaant Edigaar Luungaa akka waraanaa biiyatti bobbasaan taasiseera. Akka prezidaantichii jedhanitii loltoonii kan ajajaman seeraa kabachisudhaaf . Mormitoon imoo namoottaan sagalee keena irratii dhiibaa umuudhaaf jedhanii himatu.

Edgaar luungaa bara 2015 iituu tayitaa irra jiranuu kandu’an prezidaantii biyyatii duraanii Mayiikil Saataa bakka bu’anii biyyaa bulchaa erga turanii boodaa, bara 2016 ti filannoo taasifameen Prezidaantii Zaambiyaa ta’anii wagga 5f filataman.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG