Balaa kanaan kan midhaman irra hedduun Oromootaa fi lammiiwwan Somalee kan Puntland utuu hin taane kan somalia ishee guddittii kanneen gara Yemenitti ce’uuf namoota seeraan ala namoota deddeebisan mindeessan turan jedhama.
Garuu jiraattonni magaalaa Bosaasoo hedduu fi kanneen balaa Sana irraa lubbuun hafan balaa kana kan ilaaleen gabaasaalee adda addummaa qabu Raadiyoo sagalee Amerikaa sagantaa Afaan Oromoof kennan.
Namoonni balaa sana irraa lubbuun hafan lama bakka dhokatanii jiran irraa akka dubbataniitti namoota seeraan ala nama deddeebisanin tumamanii galaanatti kan darbaman ta’uu iibsanii imala balaa irra nu buuse kanaaf maallaqa baafne jedhan.
Kanneen lubbuun irraa hafan kun lamaan Oromoo yoo ta’an akka hamaatti miidhamanis yoo argamne qabanii biyyatti nu deebisu jedhanii aangawoota puuntlaand waan sodaataniif wal’aansa ogeessa fayyaa ituu hin argatiin kan jiran ta’u dubbatan.
Bidiruun balaa wal fakkaataan isa mudate lama ta’u fi lakkoobsi namoota irra turaniis kan angawoonni lafa kaa’an 55 ol ta’uu kanneen lubbuun hafan kun raadiyoo sagalee Amerikaaf ibsaniiru. Garu Gabaasi kun mirkanii hin argatiin jira.
Jiraataan magaalaa Bosasoo tokko ibsa kenneen hanga ammaatti reeffi namoota 39 argameera. Balaan kun kan dhaqqabe Kibxata darbe ta’uu kan beeksisee UNHCR balaan kun hamaa fi kan lubbuu nama heddu galaafate ittiin jedhejira.