WASHINGTON DC —
Kanneen waggoota 12 oliif adda-bahanii turan - gareeleen Adda Bilisummaa Oromoo lama, jechuun, ABO-n Obbo Daawudn Ibsaan hoogganamuu fi kan Obbo Dhugaasaa Bakakkoon hoogganamu -- deebi’anii tokko ta’uu fi kaayyoo walabummaa Oromiyaa mirkaneessuu - jedhu jabeessanii itti fufuuf akka qophii xumurataa jiran, dhiheenya ibsa kennanii turan. San dura immoo kan hoogganootaa fi miseensota gameeyyii dur dhaabicha keessa turaniin hundeessame - qaamni Waltajjii Marii Oromoo jedhamu ibsa kenneen, “muuxannoo baroota afurtamman dabranii irraa -- qabsoon mirga Oromoo bifa haaraan ilaalamuu qaba” - jedhee jira.
Bakka-bu’oota qaamota lameenii jechuun, Dubbi-himaa Adda Bilisummaa Oromoo - Obbo Boruu Barraaqaa fi Dubbi-himaa Waltajjii Marii - Obbo Leencoo Baatii waliin marii geggeessee jira. Guutummaa marii sanaa armaa gaditti caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5
Gaafii deebii kutaa 1ffaa
Your browser doesn’t support HTML5
Gaaffii fi deebii kutaa 2ffaa