Manni Murtii Federaalaa Ajaja Kennuus Hojii irra hin Ollee

  • Jaallannee Gammadaa
Miseensonni hawaasa musleema Itiyoophiyaa hidhamanii mootummaa Itiyoophiyaa fonqoolchuu yaalan akkasumas shoroorkeessummaa irratti bobba’an jedhamee mana murtii duratti yakka ilaalchi cufataan irratti gaggeeffamaa jira.

Hidhamatoota kana kan ilaaleen sagantaan addaa mata dureen isaa “JIHADAAWWII HAARAKAAT “ jedhu Televizitoona Itiyoophiyaa irratti kan dhiyaatu ta’uu beeksisuu eega eegalee bubbulee jira.

Kun akka hin taaneef Abukaatonni himatamtootaa kaleessa mana murtii Federaalaatti iyyata galfatanii jiran.

Murtii har’a kennamenis sagantaan kun Televiziyoonaan akka hin dhiyaanneef manni murtii Federaalaa ajaja kenneen ugguruu isaa Abukaatoo himatamtootaa kan ta’an Obbo Tamaam Abbaa Bulguu ibsanii jiran.

Murtiin kun hojii irra ooluu dhabee Televiziyonni Itiyoophiyaa akkuma beeksisaa ture sagantaa jedhame qilleensa irra oolchee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii Obbo Tmaam armaa gadiitti dhaggeefadhaa