Haleellaa Maaraatonii Boostoniin kan wal qabateen shakkamtoonni itti dabalaa to'annaa jala oolan

  • VOA
Haleellaa boombii maraatonii Bostoniin dhimma wal qabateen shakkamtoonni barattoota koolejii sadii to'annaa jala ooluu dhaan himannaan irratti dhiyaatee jira. Kaneen keessaa tokko kan umuriin waggaa kudha sagalii Roobeel Filipoos lammii Ameerikaa yoo ta'u haati isaa hidda dhalata Itiyoopiyaa ti.

Roobeel kan himatame skutaa ciisichaa koolejii kan shakkamaa haleellaa sanaa kan Tsarnaev seenuu ilaalchisee qorattoota federaalaaf jecha kijibaa kennuu isaa sabaa himaaleen Ameerikaa gabaasaniiru.

ROOBEL FILIPHOS -- himatamaa isa ijoo - ZOOHAAR SAARNAYEV waliin, bara 2011 mana-barnootaa sadarkaa lammaffaa maqaa gaarii qabu - CABRIDGE RINGIINAA LAATIN - jedhamu keessaa eebbifaman. Lameenuu - jechuun -- ROOBELII fi ZOHAAR UNIVERSITY MASSACHUSSETS, Koolejii DARTHMOUTH keessaa barataa turan.

ROOBEL irratti himannaan dhihaate -- kutaa hirribaa ZOHAAR SAARNAAYEV, ka koolejicha keessaa himatamtoota ka biroo waliin dhaqanii ragaa jiru dhoksuu ilaalchisee, qorattootatti soba dubbate - ka jedhu. Himatamtoonni lameen ka biroon - lammiwwan KAAZAAKISTAAN -- DIS KADIR-BIYEV fi AZAMAT TAZAYA-KOVII. Sadeenii umuriin isaanii kudha-sagali. Sobni kun yoo irratti raggaasisame -- hidhaa waggaa saddeetii fi adabbii Doolaara kuma digdamii shanii tu isa eeggata.

Galmee himannaa isaa irratti akka ibsametti -- dho’insa Boombii sanaa booda, qorattoonni ROOBEELII-n haasofsiisanii jiran. Akka isaan jedhanitti -- ROOBEL ennaa jalqaba jecha isaa kenne -- BOORSAA kutaa hirribaa SAARNAAYEV keessatti argame fuudhee gara biraa geessuu yokaan bakka biraatti gatuu wanni inni beeku akka hin jirre dubbate. Dhuma irratti -- marsaa afuraffaa ennaa jecha isaa kenne garuu, kan inni duraan itti himaa ture hundi dhugaa akka hin ta’iin amane.

ROOBEL FILPHOS CAMBRIDGE keessa haadha isaa waliin jiraata. Haati isaa - abbaa malee, qofaa isaanii isa guddisan. APPARTMENTII-n isaan keessa jiraatan - bakka WATERTOWN - jedhamuun beekamu keessa, Buufata Boba’aa -- bakka yeroo dabre yakkamtoonni haleellicha Boombii, konkolaataa itti butanii fi walitti-dhukaasni geggeessametti dhihoo dha.

Jiraattonni ganda sanaa, haala dhaga’an kanaan rifachuu isaanii dubbatu. Waggoota kudha-shanan dabraniif, Maatii sana beekanii fi haala uumametti rifatan keessaa tokko -- ollaa haadha ROOBEL obbo TEKLE-BIRHAAN MANGISTUU akka jedhanitti
Yeroo haga waggoota kudha-shaniif gamoo tokko keessa jiraanna. ROOBEELII fi ijoolleen koo Mana-barnootaa sadarkaa lammaffaa CAMBRIGE-tti waliin baratan. Yeroo tokko tokko mana koo dhufa. Ijoollee koo waliinis ni deddeema. Yeroo mana barnotoaa deemuu fi deebi’us na mudata. Haadha isaas nan beeka - jedhu - Obbo MANGISTUU-n.

ROOBEL mucaa amala gaarii qabu, mucaa sirna qabu -- kan ijoollee waliin illee lola hin qabne ta’uus dubbatu - Obbo MANGISTUU-n. Waa’ee abbaa ROOBEL garuu waan beekan akka hin qabne eeran. “Haadha isaa yeroo dheerafan beeka. GENNET - jedhamti. Kan nama gaddisiisu -- isa qofa qabdi” - jedhu.

Abukaatoon ROOBEL Obbo DARAJJEE DAMISEE-s, maddeen-oduu USA-TODAY fi ABCTV ennaa ibsan “maammilli kiyya shakkamtoota haleellaa Boombii sana gargaaruun miti kan inni himatame. Dho’insa Boombii sana duras tahe booda, wanna isaan gargaare hin qabu. Himatamtoota isaan boodaa kana waliin maal hojjetan? - isa jedhu immoo, si’achi Mana-murtiitti qulqulleeffanna” jedhan.

Your browser doesn’t support HTML5

gabaasa guutuu armaan gaditti caqasa