Ituu Ehama Qabnuu Hidhamaa Saamamaa Jirra

  • Jaallannee Gammadaa
Mootummaan saa’uudii Arabiyaa biyya koo keessa godaantoota seeraan ala seenan gara biyya irraa dhufaaniitti deebiisa jechuun duula gaggeessaa jira.Kanneen hidhaa keessa jiran akka ibsanti garu ehama barbaachisu mara ituu qabanii hidhaatti darbamaa jiru.Embaasiin Itiyoophiyaa Riyaad irraa akka jedhuutti kanneen seeraan jiraatanii fi kanneen seeraan al agamas seenan hojiin addaan baasuu gaggeeffamaa jira.

Gama kaaniin duula hidhaa gaggeeffamaa jiru kanaan lammiin Itiyoophiyaa tokko rasaasaan rukutamee lubbuun isaa dabruu sabaa himaan adda addaa gabaasanii jiru.Embaasiin Itiyoophiyaa gama isaan namnii kun polisii jalaa ituu dheessuu rasaasaan ajjefame jedha.

Garu sabaa himaan mootuummaa sa’uudii madden polisii maqaa dhahuun akka gabaasaniitti lammiin Itiyoophiyaa kun polisoota harkaa qawwee fudhachuuf ituu yaaluu ajjeefame jedhu.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasaa Guutuu Armaa Gaditti Caqasaa