Seeraan Ala Hojjatamaa Jira

  • Jaallannee Gammadaa
Hawaasa musleemaa bakka bu’uun namoota mootummaa Itiyoophiyaa wajjin dubbataa turanii booda garuu hidhaatti galfaman Muddee 2, bara 2013 mana murtii olaanaatti akka dhiyaataniif bellamni qabamee ture. Garuu kun ituu hin ta’in hafuu isaa abukaatonni himatamtootaa Obbo Tamaam Abbaa Bulguu ibsanii jiru.

Akka ammaan dura baratame mana murtii duratti dhiyeeffamanii bellamni biraan kennameefii otoo hin taane seeraan ala dhaamsa darbaa dabarsaan bellamni biraan kennamuu dhageenye jedhan. Hidhamtoonni kun yeroo waggaa Tokkoo fi walakkaa ta’uuf dhimmi isaanii xumuura argachuun ituu irra jiru amma iyyuu lafa irra harkifamuun maal dhibdeen ilaalamaa ka jiru ta’uu ibsa jedhu.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasaa Guutuu Armaa Gaditti Caqasaa