Gabaasa Mirga Dhala Namaa Itiyoophiyaa fi Marii Tokkummaa Mootummotaa.
Jaallannee Gammadaa
WASHINGTON, DC —
Waggaa afurii fi walakkaa keessatti yeroo tokko kan dhiyaatu gabaasnii qabiinsa mirga dhala namaa kan biyyoota miseensa Tokkummaa Mootummootaa torban darbe Ebla 6 bara 2014 dhiyaatee jira.
Kaawunsilii mirga dhala namaa kan Tokkummaa Mootummotaa duratti torban darbe biyyoota gabaasa ofii dhiyeeffatanii mariin irratti gaggeeffamee keessa Itiyoophiyaan tokko turte.Itiyoophiyaan waggaa afurii fi walakkaa duras gabaasa dhiyeessite mariin marsaa jalqabaa kan irratti gaggeeffamee ture ta’u kan ibse dargaggoo Hiikaa Dhugaasaa inni torban darbee kun marsaa lammataa akka ture ibsee jira.
Jila Itiyoophiyaa hogganuun kan argaman Obbo Biraanee Gabree Kristoos Itiyoophiyaan biyya kabajamuu mirga dhala namaan beekamtuu fi biyya sabaa fi sablamonni wal qixxummaan keessa jiraatan ta’u ibsuu isaanii walgahii kana irratti kan hirmaate Dargarroo Hiikaa Dhugaasaa beeksisee jira.