Jeeqama Yunivarsitii Wallaggaa Keessatti Ka’e Irratti Barataan Du’es Rukkutames Hin Jiru, Jedhu Hooggantuun Biiroo Dhimmoota Koomiyunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

  • Namoo Daandii
Aadde Raabiyaa Isaa, Hooggantuun Biiroo Dhimmoota Koomiyunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Raadiyoo Sagalee Ameerikaa waliin gaaffii fi deebii geggeessaniin,
“Yunivarsitii Wallaggaa keessatti mormiin barattootaa hin geggeessamne. Barattoota xiqqoo tu gaafa Roobii, Caamsaa 13, bara 2014 halkan mooricha keessatti jeeqama uumuuf socho’uu jalqaban. Yeroo humnoonni naga-eegumsaa moorichaa jeeqama sana tasgabbeessuu yaalanitti waan baqachuu jalqabaniif kokkufanii of mammadeessan” jedhan.

Barataan du’e tokko illee akka hin jirre dubbatu. Kan raasaasaan dha’ames, kan reebamues hin jiru, jedhanii, barattoonni mammadaa’anii gara Hospitaala Naqamtee geessaman wal’aansa argatanii gad-lakkisamuu dubbatu. “Kanneen jabaa miidhamanii amma Hospitaalicha keessatti wal’aanamaa jiran, barattoota lama qofa” jedhan Aadde Raabiyaa Isaa.

Jimaata, Caamsaa 15, bara 2014 Mana-barnootaa Qophaa’inaa Najjoo keessattis barattoonni jeeqama kaasuuf yaalanii, humnoota nageenyaan akka dhaabatu taasisamuu isaa illee dubbatanii jiran.

Your browser doesn’t support HTML5

Deebii mootummaan naannoo Oromiyaa hiriira barattoota Oromoo irratti kenne kutaa duraa

Your browser doesn’t support HTML5

Deebii mootummaan naannoo Oromiyaa hiriira barattoota Oromoo irratti kenne kutaa lammataa