GAREELEEN ABO TOKKOOMAN!

  • Namoo Daandii

OLF LOGO

Adda Bilisummaa Oromoo keessatti kanneen jalqaba bara 2000tti– jechuun bara 20001 adda ba’anii turan “ABO-n Shanee Gumii” jedhamuun waamamuu fi kan “ABO Qaama Cehumaa” jedhamuun waamamu, adda addummaa gidduu isaanii jiru furachuun deebi’anii dhaaba tokko ta’uu isaanii, torban dabre, BERLIN, GERMANY keessatti walga’uun ibsa baasaniin beeksisanii jiran.

Addi Bilisummaa Oromoo eega mootummaa Cehumaa Itiyoophiyaa keessaa ba’ee booda, yeroo jalqabaatiif, bara 2001, gurmuulee kana lameenitti adda ba’uu dhaa booda ka murnawwan ka biroon illee uumaman. Bara 2008 immoo, Adda Bilisummaa Shanii Gumii jedhame irraa immoo, kan “Adda Bilisummaa Oromoo Jijjiiramaa” jedhamuu fi Jeneraal Kamaal Galchuun hoogganamu adda of baase. Waggaa afurii booda, bara 2012 -- murni “ABO jijjiiramaa” jedhamu deebi’ee murnoota ka biraatti qoqqoodamee murni tokko, kan Jeneraal Kamaaliin hoogganamu “ABO”n ana jedhee labsate. Kaan Gurmuuu qabsaa’otaa ofiin fi ABO Koree Yeroo jedhame. Bara kana jalqaba irra immoo kan hoogganoota ABO durii fi dura ABO jijjiiramaa keessa turan Adda Dimookiraatawa Oromoo yokaan ODF jedhamu hundeeffatanii beeksisan.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii guutu dhaggeeffadhaa

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi Deebii gaggeeffame kutaa 2ffaa caqasaa