Mootummaa Itiyoopiyaa Kallattiin Jalaa Wal Dh'aee

  • VOA

Waa’ee siyaasa Itiyoophiyaa kan hordofaniif hayyuu biyya Faransaayii kan ta’an Rene Lefort dhiiyeenya kana barreeffama mata dureen isaa “Ethiopia a Leadership in disarry“ ykn mootummaa Itiyoopiyaa kallattiin jalaa wal dha'e jedhu maxxansanii jiru.
Lefort waa’ee Itiyoophiyaa fi keessumaa waa’ee biyyootii Afrikaa uffee sahaaraa gadii baroota 1970mootaa kaasee maxxansaalee biyya Faransaayii kan Akaka Le Monde, Liberation, fi LE Nouvel jedhamaniif barreessaa turan.

Bara 2012 barreeffama mata dureen isaa “Ethiopia after meles” ykn Itiyoophiyaa mallas boodaa jedhu barreessanii odeeffaannoo guddaan kan irraa rgamee fi hedduu kan duddubachiise ture.

Barreefama isa ammaa Ethiopia leaders in Disarry jedhu kana irraa ka’uudhaan itti gaafatamaan sagantaalee gaanfa Afrikaa Peter Heinlein Rene Lefort waliin gaaffii fi deebii gaggeessee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasaa Guutuu Armaa Gaditti Caqasaa