Ogeessonni Fayyaa Kan Iyotoophiyaa gara Biyyoota Afrikaa Dhiyaatti dulanii Jiru

  • Jaallannee Gammadaa

Weerara dhukkuba Ibolaan rakkataa kan jiran biyyoota Afrikaa Dhiyaa keessatti uummata gargaaruuf jecha ogeessonni tajaajiila eegumsa fayyaa kan toora adda addaa dhibba lama ta’an Itiyoophiyaa irraa gamasitti iamalanii jiran. Namoonni fedhii isaaniin duuluuf bulchiinsoota naannoo adda addaa irraa galma’an kun Afrikaa dhiyaa eega dhaqqabnii booda leenjiisa dabalataa argatanii yeroo ammaa hojiitti bobba’anii jiru.

Namoota kanaaf deggersa barbaachisu kan kennu gamtaa Afrikaa fi mootummaa Itiyoophiyaa ta’u Institute eegumsa fayyaa Itiyoophiyaa keessatti hayyuu dhukkuboota bifa weraraan daddarbanii kan ta’an Obbo Abiyoot Baqqalaa ibsanii jiru. Gama kaaniin biyya keessatti uummanni waa’ee dhukkuba Ibolaa hubannaa ga’aa akka qabaatu gochuuf sochiin adda addaa gaggeeffama akka jiru ibsanii jiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii arman gaditti caqasaa