Dararamus Iyyata Koo Kan Dhaggeeffatuun Dhabe

  • Jaallannee Gammadaa

Medrek

Godina Haraargee Bahaa Aanaa Giraawwaa keessatti Gamtaa MEDREK bakka bu’uun dorgomuuf jecha galmaa’uuf kan deeman miseensi kongresa Federaalawaa Oromoo Obbo Jaafar Mahaadii Yuusuuf didamuu isaanii torbanneen hanaga tokko dura Raadiyoo sagalee Amerikaaf ibsanii turan. Sana booda deebi’anii dhaquuf qophaa’aa ituu jiranii qabamanii torban lamaaf hidhamuu isaanii dubbatu.

Yeroo kanattis bilbila harka isaanii polisoonni harkaa fudhachuu isaanii kan dubbatan Obbo Jaafar biyya alaa irraa siif bilbilamaa jehuun dararaan adda addaa irratti rawwatamuu dubbatan. Dhuma irrattis mana hidhaa baafamanii iji isaanii hidhamee akka jiruutti laga kosiin itti gatamuu tokkotti geessanii na gatan jedhaniiru.

Gama kaaniin Bordiin filannoo Oromiyaa torbanneen hanga tokko dura maaliif akka obbo Jaafar galmeeffamuu akka diidaman gaafatamanii, dhimmicha dhaga’uu isaanii fi qoratamaa akka jiru ta'uu ibsan. Garuu dhimmi Obbo Jaafar akka aangawaan kun jedhan furmaata ituu hin argatin hafee galmeen dhunfaan qaban jalaa saamamee dararaaa na irratti polisoonni ga’aniin lubbuu koof baqadheen Finfinnee keessatti iyyataa jira jedhu.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii geggeedffame armaan gaditti caqasaa