Korii Sabaa Paartii Ripaablikaanootaa Ohaayoo Kilivilaanditti Itti Fufee Jira

  • VOA

Guyyaa Tokkoffaa Yaa'ii Paartii Ripablikaani

Miseensotii paartii Rippaabilikaan Ohaayoo,Kilivilaanditti kora sabaaf walti dhufan Doonaldi Tiraamppii akka innii pirezidaantii Amerikaa tahee dorgomu filatan.

Tiraamp filannoo kana Injifannoo guddaan keessa dabarra jechuun dubbatan. Haatii warraa isaanii Malaniyaan namni gaariin akka abbaa warraa koo takkaa hin jiru , isa filadhaa jechuun dubbatan.

Malaaniyaan hasaawaa dhageesisan keessaa hangi tokko giftii dureen yunaaytiid Isteetes Misheel Obaamaa kora sabaa Demokraatootaa irratti bara 2008 ka dubbatanii turan waliin waan wal fakkaatu qaba jechuun sabaa-himaaleenn gabaasanii jiru.

Galma korri sabaa kan Ripaablikaanootaa itti gaggeeffamu sanaa alatti mormiin adda addaa gaggeeffamaa jira. Korri kun Kamiisa dhufu xumurama jedhamee eegama.

Your browser doesn’t support HTML5

Kora Sabaa paartii Rippaabilikaan pirezidaanti ifilachuuf taa'e