Waraanii 'Liyuu Poolis' godina Booranaa aanaa Mooyyalee ardaa Caamuq hadhee nama 10 caalaa fixe jedhan, Goofallee loluma akkanaatti jira

Tun Mooyyale. Footoon tun ta bara 2008 keessa kaasan.

Your browser doesn’t support HTML5

Lola Mooyyalee irratti nama hedduutti lubbuu dhabe

Mooyyalee godina Booranaa Oromiyaa gama Kibbaatiin jiritii Keenyaatti aantee qubatti.

Akka warrii Mooyyalee dubbifne jedhetti waraanii Liyuu Poolsi kalee magaalaa Caamuqi ta Mooyyalee irraa diqquma tokko fagaattu seenee seera malee alaabaa ufii dhaabatee lolii suniin jalqabe.

Fulaan alaabaa naannoo 5 keessatti dhaaban kun akka bulchiinsii mootummaa naannoo Oromiyaa jedhutti duruu lafa Oromiyaa jala jirtu.

Akka obboo Addisuu Areggaa itti gaafataman odeeffannoo mootummaa naannoo Oromiyaa jedhutti jedhutti lolii kun porojeektii mootummaan naannoo Somaalee magaalaa Caamuqi keessatti jaaruu jqlabee asiind urattuu bulchiinsii naannoo lamaanii(Oromiyaa fi Somaalee) irratti walii galee akka dhaabatu tolche irraa dhufe.

"Hardha ganama qaamotni hidhannoo naannoo Somaalee irraa dhufanii iddoo sanitti]Caamuqi] alaabaa fannisaanii dhukaasa bananii rakkoon nageenyaa uumamee jira.Rakkoo nageenna saniin lubbu namaa fi qaama namaa irratti miidhan gaheera gabaasa jedhu arganneera. Namoonni du’an jiru. Ummannis ufi irraa tasgabbeesseera,” jedha.

Lolii achii barraaqa jalaqabe haga guddaa saafaa deeme. Akka warrii lafaa jedhutti ummatuma walti reebee waraana sun ufi irraa deebisee Caamuqi keessallee bafatee alaabaa Oromiyaa deebisee dhaabate.

Achi irratti gama Oromiyaatii nama 10 caalaatti dhumate. “Waraanii Liyuu Poolisi tahuu aka warqata eennumma nama isaani ka dhume irraa guurani, barreeffama wayaa isaanii irra jiruu fi mi’a waraanaa isaan irraa guuranin beenne,” jedha warrii lafaa.

Waraanii kun achum aanuma Mooyyalee keessaa gara Goofaatti dabre achilleetti wal hadhan. Goofii ammoo Mooyyalee irraa km 30 fagaata.

Itti gaafatamaan odeeffannoo mootummaa nannoo Oromiyaa obboo Addisuu Areggaa waraanii naannoo Somaaleetii dhufe lafa Oromiyaa jala jirtu dhufee nama loluu ya dhageennee nama miidhame gargar baafachuutti jirraa jedha.

Mi’ii waraanaa waraanii Liyuu Poolis kun namaan hadhe jedhan baazuqaa, matriyeessa,bombii fi waan akka akkaati.Waraana Liyuu poolsi kana amma Caamuqi keessaa ya hadhanii baasan jedhani.

Namootni meeshaa adda addaa hidhatanii naanoo Oromiyaa asi cehanii balaa dhaqqabsiisan kun saaxilmaluutti jirra jira. Nagaa ummata keenyaa kabjiisuun dirqa nurraa eegamu hin baana” jedha obboo Addisuun.

Akka obboo Addisuun jedhutti wal dhabii daarii Soomaleetii fi Oromiyaa akkuma riferendemii bara 1997 irratti walii galaniin fala argata.

Ummatii Somaalee fi Oormoo ammoo akkuma durii nagaan waliin jiraata jedha.