Paartileen siyaasaa Itoophiyaa akka mootummaan wal dhaba daangaa Oromiyaatii fi Somaalee falu gaafachuutti jiran

  • VOA

Itoophiyaa

Jarii tana gaafate paarti Tokkummaa Demokiraasii Oromoo,Kongireessii Biyyoolessaa Oromoo,Paartii Bilisummaa Oromoo ABO,Paartii deesmsa seera Gadaa, paartii Blisummaa Tokkummaa Oromoo fi paartii Biyyoolessaa Tokkummaa Oromooti.

Akka paartilee tanaatti lolii daarii naannoo lamaanii kun waan nama yaaddessaati tanaaf marroo hedduu paartii Oromiyaa bulchitu OPDOti himaa bahan.

Itti gaafatamaan paarti seera gadaa obboo Raabalee Taaddessee akkana jedhee VOAtti hime.

Wal dhabii daangaa Somaalee fi Oromiyaa kun waan keessa turee itti dedeebihan. Nama hedduutti dhume.Gursum.Hararii, haga Mooyyalee seenee nama keenna qawwee hin qamne miidhuutti jira.Jarsolii, bulchotaa naannoo murtii irraa gahanii jiru.Taatullee amma humna hidhate Gursum, Mooyalee hanga Harar deemee nama keenna miidhuutti jira.Kun saamicha lafaati jeddha itti gaafatamaan paarti sirba Gadaa,obboo Roobalee.

Paartileen 6n tun akka mootummaan Federlaaa rakkoo tanaaf fala barbaadu gaafatan.

Gama kaaniin ammoo akka minsiterii odeeffannoo mootummaa Itoophiyaa Dr. Nagarii Leencoo jedhutti mootummaan federaalaa dubbii kana nagaan furuutti waan jiruuf amma haalii jiru ya qabbanaahe.

Koomishiinii mirga namummaa Itoophiyaalleen rakkina kana faluuf itti gaafataman waan qabuuf qaamii dubbin tun ilaaltu lafa rakkoon jirtu dhaqee faluutt jiraa jedha.