‘Jireenyi baqataa kun gaa akka nama hin goone qabu’ Ibsaa Bakaree, Baqataa Oromoo Naayiroobbiitti Mootoraan geejjiba kennee jiraatu

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasaaan VOA Naayiroobii Galmoo Daawit Baqataa Oromoo Ibsaa Bakaree jedhamu waliin turtii godheera. Ibsaan Baqataa Oromoo Naayiroobiitti geejjiba mootoraan kennee jiraatu yoo tahu, maatii isaatis galii hojii kanarraa argatuun bulfata. Hojii isaa irrattis saamichi fi rakkoon kaan akka isa qunnamu dubbata.