Ibsa Ejjannoo Yaa’ii Koree Giddu-galaa DHDUO Ija Xiinxalaatiin

  • Namoo Daandii

OPDO

Your browser doesn’t support HTML5

DH.D.U.O kora dhiyootti itti gaafatamtoot a hedduu huji irraa buuse

Koreen giddu galaa kan Dhaabbata Dimokraatawaa Ummata oromoo walgahii guyyoota 10f gaggeessaa ture murtii adda addaa dabarsuun xumuruu isaa kaleessa gabaasnee ture.

Akka dhaabichi sabaa-himaalee biyyattii keessaa fi marsariitii isaa irratti ibsa kennetti, dhaabicha keessatti Itti gaafatamummaa sadarkaa barbaachisuuttii mirkaneessuu, akkasumas bifa itti fufiinsa qabuun gara fuulduratti socho’uu haala dandeessisuun koreen giddugaleessaa Dh.D.U.O miseensota mana maree A.D.W.U.I. kanneen turen 14 kaasuudhaan, kanneen ga’eessummaa cimaa qaban ka biroodhaan akka bakka buufaman murteessuu isaa beeksisee jira.

Miseensota koree Giddugaleessaa Dh.D.U.O Afur hanga yaa’ii itti aanuutti akka ittifamaan turan murteessuu isaa, miseensii koree giddugaleessaa tokko akeekkachiisa Of-eeggannoon akka bira taramu murteessuu isaa illee dubbata.

Mormitoota biyya keessas tahe biyyoota alaa jiraniinis, “yeroon isaa yeroo qormaataa ti” – jechuudhaan, miiraan kaka’anii hojjechuu irraa haala fagaateen wal-dhaggeeffatanii waliin hojjechuun barbaachisaa akka tahe ibsee, DHDUOn gama kanaan murachuu isaa akka irra- deebi’ee waadaa seenu isaa beeksisee, ibsawwan ejjennoo ka biroo illee baasee jira.

Ibsawwan ejjennoo ka biroollee tarreessee jira. Kana irratti hayyuu seeraa fi xiinxalaa siyaasaa – Dr. Awwal Aloo, biyya Briteenka jiru – Kiil Yunivarsitii irraa haasofsiisnee jira.