Magaalaa Arjoo Keessatti Hiriirri Gaggeeffamee jira

  • Jaallannee Gammadaa

Ummatii Wallaggaa Bahaa magaalaa Arjoo rakkoo himachuuf hiriire

Your browser doesn’t support HTML5

Ummatii Wallaggaa Bahaa magaalaa Arjoo rakkoo bulchiinsaa himachuuf hiriire

Godina Wallaggaa Bahaa aanaa Jimmaa Arjoo magaalaa Arjoo keessatti har’a hiriirri uummataa gaggeeffamee jira.Gaaffiileen dhiyaatanis Haaroomsii sadarkaa oliiti jalqabame aanaa keenya dhaqqabuu qaba, bu’an misoomaa argamee uummataaf ooluu qaba, kanneen hidhaa keessa jiran haa gadhifaman kan jedhu fi kanneen biroo kan of keessaa qabu ta’uun ibsamee jira.

Bulchaan aanaa Jimmaa Arjoo Obbo Beenyaa Tasammaa gaaffiin hiriirtootaa kana keessaa sadarkaa aanaatti kan hojjatamuu maleef maallaqnii akka ramadamuu kan deebii qaama olaanaa barbaadu immoo dabarsuuf ka jiran ta’u ibsanii jira.