Moyyaalee keessatti, Ajjeechaan Raayyaa Ittisaatiin Raaw’atame “Dogoggoraani” Fudhatama Hin Qabu Jedha Biiroon Haqaa Oromiyaa

  • Namoo Daandii

Obbo Taayyee Dand'aa

Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa, godinaa Booranaa, magaalaa Moyyaalee keessatti, haleellaa Sanbata dabre kana, raayyaa ittisaa Itiyoophiyaatiin raaw’atamee namoota kudhan ajjeesee fi kudha-tokko madeesse ilaalchisee, kan battalumatti ibsa kenne – Sekireteeraayitii Komaand Poostiin Labsii Yeroo Muddmaa Itiyoophiyaa, “odeeffannoo dogoggoraa irraa ka’uudhaan, gochaa dogoggoraa murni raayyaa ittisaa loltoota shan qabu raaw’ate” jedhuudhaan, akka loltoonni sun to’annaa jala jiran dubbachuun isaa ni yaadatama. Mootummaa Naannoo Oromiyaatti, Biroon Haqaa dhimma kana akkamitti ilaala?

Sadarkaa itti-aanaa Biirootti, abbaa dursa-hojii Komiyunikeeshinii – Obbo Taayyee Danda’aa, Finfinnee irraa haasofsiiseen jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii guutuu caqasaa