Bartooti Yuniversitii Harmayaa ijoolleen hidhaa hin baane jedhanii barumsa dhaaban waraanii mootumaa tanaaf ijoollee 30 caalaa miidhe jedhan

Haramaya university

Your browser doesn’t support HTML5

Waraanii Federalaa akka barattootii jedhanitti guyyaa dheengaddaa doormii baratootaa Harmaya cabsee nama 30 caalaa miidhan

Yuniversitiin Haro-Mayaa yuniverstii biyyitii qabdu keesaa tokko.Akka ijoolleen achii dubbifne jedhanitti ijoolleen achi barattu eegii barumsa dhaabanii ji’a tokko aaluutti jiran.

Wannii warrii gaafate akka barattootii jedhanitti akka barattootii Har-Mayaa ka qabaman hiikaman,akka waraanii mootummaa yuniversitii keessaa bahuu fi akka wannii hedduun qajeeltuuf gaafatan.

“Guyyaa Roobii laaqana irratti akka hin nyaanne ijoollee dhoorkaa turan. Ijoolleen bakka tokkotti wal gettee maaliif nyaata nu dhoorkattuu namnii hidhameeyyuu nyaata hin dhoorrgamuu jettee yoo ijoolleen wal geettu poolisiin federaalaa ijoollee ari’atanii aaraa bombii darbuudhaan ijoollee baayyee doormiitti dhaanuun miidhan.”

Akka ijoolleen tun jedhanitti tana keessa nama 32 akka malee miidhame ka ilkaan caphanii fi matan dhoofamelleen hedduu“ isaan keessaa namnii afur hospitaala Hararitti wallaanamaa jira hagii tokko hospitaala Hiywet Faanaa jira.”

Aara bombii tana doormii dhiiraa ta “amel” jedhanii fi ka dubraa ka “Wiig” jedhanitti darbatan.

Ijoolleen hidhaman jedhan tana haga tokko yuniversitii keessaa haga tokko ammoo yo jari boqonnaaf maatii isaaniitti galuuf karaa qaban.

Waraanii mootummaa akka ijoolleen jettutti ijoolleen doormii(manneen bultii barattootaa) irra deemee humnaan barnootaatti oofuu fedha.

Bulchiinsii ijoolleen hidhaman guyyaa shan keessatti gadi dhiifsan jedhullee haga ammaatti hin baane jedhan.

Ijoollee tana haga tokko Hararitti hidhanii haga tokko Dirree Dhawaatti hidhan.

Tana maleellee barattootii tun akka waraanii mootummaa yuniverstii keessaa bahuf gaafatanillee.

“Nuuti mooraa barnootaa keessa jirraa malee mooraa waraanaa keessa hin jirru kanaaf waraanii federaalaa,poolisii federalaa jedhamu kun nurraa haa bahuu jechaa jirra,” jedhan.

Waan ijoolleen himatte tana bulchootallee gaafachuuf jennee bilbillee ufi jibbaanne.