Coqonuu, kaambii baqaa Oromoo Adaamaa jirtu keessaa lolaan bokkaa eda roobaa bule gula dhufe abbootii warraa 38 baqachiise

Adama City

Your browser doesn’t support HTML5

Kaambii baqaa Oromoo Adaamaa jirtu, Oromoo Somaalee baqatan itti qubsiisan,Coqonuu keessaa abbootii warra 38 lolaan baqachiise

Oromiyaa magaalaa Adaamaa dhahattuutti Oromoo 6,0000 caalan naannoo Somaaleetii baqatanii dhufan itti qubsiisan.

Jari kun kaambii Saqaa-Qalloo fi Coqanuu keessa qubate.Lolaan manneen abbootii warraa Coqonuu duude. Taatullee akka jecha itti gaafatamaa biiroo koominikeeshiinii Adaamaa obboo Mi’eessaa Elemaatti miidhaa hamtuu fidde hin qabu jedha.

Koreen bulchiinsa magaalaallee achi dhaqee laalee jedha obboo Mi’eessaan. “ Rakkoon hammaataan hin jirtu.”

Mootummaan jara baqate kana gargaaruuf horii miliyoona hedduutiin gargaaruutti jira. Manillene hin jinnee

Akka lolaan naannoo sun hin seenne ammoo Instituutiin Pilaanii Oormiyaa birrii miliyoona 1 oliin gaara Qacamaa irraan akka bisaan kaambii sun hin seenne hojjachuutti jira jedha obboo Mi’eessaan.

Oromiyaa keessatti nama miliyoona caaluutti wal dhaba naannoo Somaaletii baqatee onaa ufiitii bahe. Yoo jarii kun Hararge haga Keenyaatti kaambii baqaa keessa jira.Yoo gannaa ka akkanaa kana warii kaambii jru rakkoo fi dhiba hedduu sodaata.