Mootummaan Itiyoophiyaa fi Addi Bilisummaa Oromoo walii-galtee nageenyaa tolfachuu isaanii Labsanii Jiran

Jilli Mootummaa Itoophiyaa, Dr. Lammaa Magarsaan durfamuu fi ministarri dhimma-alaa Itiyoophiyaa Dr. Warqinee Gabayyoo keessatti argaman, jila ABO hayyu-duree dhaabichaa Obbo Daawud Ibsaan durfamu fi Obbo Ibsaa Nagawoo, Obbo Atoomsaa Kumsaa, Obbo Toleeraa Adabaa fi Obbo Gammachuu Ayyaanaa keessatti argaman waliin har’a, Hagayya 7 bara 2018 magaalaa Asmaraatti waliin marii geggeessuudhaan waliigaltee kana irra gahan.

Mariin araaraa kun, kan hafuurri obbolummaa keessatti calaqqise fi wal amantaa guutuun gaggeeffame tahuu isaa, qaamonni gam-lameenii ibsanii jiran. Kana ilaalchisuun, Bakka walii-galteen kun itti mallatteessame magaalaa Asmaraa irraa prezidaantiin bulchiinsa naannoo Oromiyaa Dr. Lammaa Magarsaa fi dubbi-himaan Adda Bilisummaa Oromoo Obbo Toleeraa Adabaa ibsa nuuf kennaniiru.

Your browser doesn’t support HTML5

Gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa