Eenyummaa Koo Uummataa fi Jaalleewwan Koo Qabsootu Beeka: Eliyaas Gambeelaa Goloo

  • Jaallannee Gammadaa

Hoogganaan waraana bilisummaa oromoo godinaa Gujii Eliyaas Gambeelaa waamicha nagaa Abbootii Gadaan labsame fudhatee gara qabsoo nagaatti deebi’ee jechuun sabaa himaa fi marsariitiin hawaasaa gabaasaa jiru.

Miseensi gumii shanee ABO Obbo Mikaa’el Booran dhimma kana ilaalchisee raadiyoo sagalee Amerikaaf ibsa kennaniin ajajaan waraanaa Eeliyaas Gaambeellaa jedhamu hin jiru jedhan. Ajajaan naannoo Gujii Magarsaa Lammii ta’u beekna jedhan.

Obbo Eliyaas Gambeelaa deebii kenneen eenymmaa koo uummanni gama kibbaa akkasumas jaalleewwan koo qabsoo waan beekaniif waan fedhe yoo jedhan kan na dhiphisuu ykn na yaaddeessu miti jedhan. Kallattii sitti kennamee irraa maaf baata ykn yaada jijjirta jedhanii kana jedhu. Garuu ajajaa godina Gujii lameenii ta’ee ituun jiruu waamicha abbotii Gadaa dhiyeessan fudhannee qabsoo gara nagaatti dabalamne jedha Eliyaas Gambeelaa.

Lakkofsii waahillan koo waamicha abbotii Gadaa dhiyaate fudhannee deebinee ammaaf soddoma jedhee jira.

Your browser doesn’t support HTML5

Gabaasa guutuu caqasaa