Ayyaanni Irreechaa Finfinnee, Bishooftuu fi Naayiroobiitti Sirna How’aadhaan Ayyaaneffame

Irreeha Hora Finfinnee

Ayyaanni Irreechaa Sanbata dabre Finfinnee, Doloolloo Buddeenaatti, Dilbata immoo Bishooftuu Hara Arsadeetti bakka uummatni miliyoona hedduutti lakkaawamamu argametti sirna how’aadhaan ayyaaneffamee jira.

Keessumaa, ayyaanni Irreechaa waggoota 150 booda, Hora Finfinneetti deebi’ee sirna how’aa akkanaatiin ayyaaneffamuu isaa himaattonni ayyaanichaa gammachuu guddaadhaan ayyaaneffamaa jira.

Gama biraan rakkoo nageenyaa Wallagga fi Gujii keessatti mu’ataa jiruun wal-qabateen qeerroon mormii isaanii dhageessisaa jiranillee bakkawwan lemiinittiyyuu ni turan. Ayyaanni Irreechaa, biyya Keeniyaa, magaalaa Naayiroobittis ayyaaneffamee jira.

Gabaasaaleen keenya bakkawwan sadiinittiyyuu argamuun kan nuuf ergan qineessinee jirra. Guutummaa isaa caqasaa.

Your browser doesn’t support HTML5

Ayyaanni Irreechaa Finfinnee, Bishooftuu fi Naayiroobiitti Sirna How’aadhaan Ayyaaneffame